Qonna Arfaasaa Baranaatiin naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol irra midhaan addaddaa facaasuun jalqabame

40

Ebla 08/2016(TOI)- Qonna Arfaasaa Baranaatiin naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol irra midhaan addaddaa facaasuun jalqabamuu biiroon qonnaa naannichaa ibse.

Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi hooggantoonni mootummaa naannichaa biroon bakka argamanitti hojiin qonna Arfaasaa baranaa godina Baalee aanaa Sinaanaatti jalqabameera.

Hoogganaan biirichaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol midhaan addaddaan oomishamuurratti argama.

Misoomichi mekaanaayizeeshinii fi mala qonnaa oomishaa fooyya’een adeemsifamaa jira jedhaniiru.

Qonni Arfaasaa baranaa bu’a qabeessa akka ta’u xaa’oon kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 7 ol qonnaan bulaaf raabsamuu subbataniiru.

Gurgurtaan xaa’oo dijitaalaan taasifame qonnaan bulaa xaa’oo dafee akka argatu taasisuun alatti alseerummaa akka hambisu dubbataniiru.

Misooma Arfaasaa, gannaa fi misooma jallisii boneetiin barana naannichatti lafti bal’aan midhaan addaddaan misoomsuuf karoorfameera jedhan obbo Geetuun.

Hoogganaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Alitti Mahaammad gamasaaniin gamasaaniin godinichatti qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara kuma 221 ol midhaan addaddaan misoomsuun raawwatamaa jira.

Qonnaan bultoota aanaa Sinaanaa keessaa obbo Baqqalaa Katamaa yaada kennaniin, wayitii Arfaasaa baranaatiin hojmaatota mala qonnaa fooyya’an fayyadamuun oomisha gaarii walitti qabuuf haal dureen taasifamuusaa ibsaniiru.

Galteen qonnaa barana yeroon dhihaachuunsaa yeroo facaasaa bu’a qabeessa akka taasisu kan ibsan ammoojiraataa aanichaa qonnaan bulaa Taaddasaa Abbabaati.

Yeroo ammaa qonnaan bulaan qophii maasaa xumuree rooba Arfaasaa roobuu jalqabetti fayyadamuun kilaastaraan misoomsaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015