Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan gabaafillee dhiheessa jiru

52

Ebla 8/2016(TOI) - Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaadan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu Waajjirri Qonnaa magaalichaa beeksise.

Magaalichatti guyyaatti Buuphaan sagantaa kanaan oomishame kumni 350 ol gabaaf dhihaachaa jirachuu waajjirichi beeksiseera.

Waajjirichatti dursaan garee misooma beelladaa obbo Abtaamuu Lammaa TOI'tti akka himanitti; magaalichaatti sagntaa Maaddii guutuu fi qonna magaalaa babal'isuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira.

Hanga ammatti godina shawaa bahaa aanaa Adaamaarra gara magaalaa Adaamaatti gandoonni dabalaman 28 keessatti hojiin horiisa lukkuu, oomisha aannanii fi misoomaa beelladoota fooniif oolanii akkasuma horsiisa kanniisaa fi misooma fuduraa fi muduraa hojjetama jira jedhaniiru.

Keessattu kutaawwan magaalaa Adaamaa 6 fi aanaalee adda addaatti sagantaa Maaddii Guutuu karaa milkaa'a ta'een hojiirra oolfama jirachuu himaniiru.

Jiddugalli horsiisa lukkuu, misooma beelladaa fi oomisha aannanii, akkasuma hojii horsiisa kanniisaaf kan oolana kumani 1 fi 285 dureeyyoota, hawaasaa fi bulchiinsa magaalichaan ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii obbo Habtaamuun himaniiru.

Ijaarsa jiddugalaawwan kunneen dhiheesii maallaqaa callaa, lafa fi humnaan kaappitaallii birrii biliyoona 5.5 ta'u baasii itti ta'uu himaniiru.

Sagantaa Maaddii Guutuu kana irratti kanneen hirmaachaa jiran manatti hanga Buuphaa isaan barbaachisuu guuttachuun cinaatti guyyaatti waliigalaan gara buuphaa kuma 350 olii gabaaf dhiheessa jirachuu himaniiru.

Haaluma kanaan gabaa irratti kanaan dura gatii buuphaa birrii 12 ture yeroo ammaa gara birrii 8 gad bu'uu himaniiru.

Haaluma wal fakkatuun gatiin aannanii kanaan duara liitirri tokko birrii 80 ture yeroo ammaa gara birrii 60'tti gad bu'uu eeraniiru.

Sagantaa maaddii guutuu kana caalaatti milkaa'aa taasisuuf jiddugalawwan ijaaraman guutummaatti hojiitti galchuun xiyyeeffannan hojjetama jedhaniiru.

Magaalichatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015