Bulchiinsa Saba Awiitii Xaa’oo uumamaa meetirik kuubiin miiliyoona sadii ol hojiirra oolaa jira.

21

Ebla 8/2016 (TOI) - Bulchiinsa saba Awiitii qophii qonnaa gannaa dhufaa jiruuf xaa'oon uumamaa meetirikiyuubiin miliyoonni sadii ol hojiirra oolaa jirachuu waajjirri qajeelcha qonnaa bulchiinsichaa beeksise.

Dursaa garee misooma midhaanii wajjirichaa obbo Andu'aaleem Ayyaaleew TOI'tti akka himanitti; bulchiinsi saba Awii bara oomishaa 2016/2017 lafa heektaaraa kuma 338,609 misoomsuuf karoorfatee qophii barabaachisaa taasisaa jira.

Haaluma kanaan xaa'oon uumamaa qonnaan bultoonni qopheeffatan meetirik kuubiin miliyoonni sadii ol hojiirra oolaa jirachuu himaniiru.

Xaa'oon uumamaa qophaa'e kun lafa heektaara kuma 41 kan gahu ta'uu himanii; hojii hanga ammaatti hojjetameenis lafa qonnaa heektaara kuma sadii fi 300 xaa'oo dhimma itti bahamuu himaniiru.

Dabalataan; ''vermicompost'' kuntaalli kuma torbaa fi 345 fi xaa'oo uumamaa Baayoo salarii mitirik kiyuubii kuma shanii fi 390 fayyadamuuf qophiin taasifameera jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni bulchiinsichaas xaa'oon uumamaa qopheeffatan kun hanqina xa'oo furuun cinaatti gabbina lafa isaaniis dabaluun oomishaafi oomishitummaa isaanii kan guddisu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015