Qabeenya bishaanii godinichi qabu misooma qonnaaf hojiirra oolchuuf bu'uuraalee misooma dandeesisan hojjetama jiru.

43

Ebla 8/2016(TOI) - Qabeenya bishaanii godinichi qabu misooma qonnaaf hojiirra oolchuuf bu'uuraalee misooma dandeesisan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri misooma Jallisii godina Iluu abbaa Booraa beeksise.

Itti gaafatamtuun waajjira misooma Jallisii godinichaa aadde Dammaquu Tafarraa ; yeroo ammaa godinicha aanaalee adda addatti hojiin bu'uuralee misoomaa jallisii sagal xiyyeeffannoon hojjetama jiru.

Qabeenya bishaanii godinichi qabuun yoo madaalamu yeroo ammaa misoomni jallisii jiru gahaa kan hin taane ta'uu himanii; haala kana jijjiruun qonnaan bultoonni eeggatummaa roobaa jalaa bahanii waggaatti yeroo baay'ee oomishuu akka danda'aniif hojjetama jira jedhaniiru.

Keessattu oomisha Qamadii, ruuzii fi kanneen biroo irratti bal'inaan hojjechuun wabii midhaan nyaataa mirkaneesuuf hojii bu'uuraalee misooma jallisiif oolan baba'isuun xiyyeeffannaan hojjetama jira jedhaniiru.

Godinichatti wayita ammaa lafa heektaara kuma 100 ol jallisiin misoomsuun akka danda'ame himanii; fedhiin gama kanaan jiru dabalaa waan jiruuf fedhii kan guutuu kan danda'u pirojeektoonni misooma jallisiif oolan lama birrii miliyoona 400 ijaaramaa jiru jedhaniiru.

Pirojeektoonni kunneen aanaa Algee Shachii laga Seesee irrattii fi aanaa Daarimuutti ijaarama kan jira ta'uu himanii; hojiin isaanii bara bajataa kana kan xumuaramuu yoo ta'u yeroo xumuramanis lafa heekataara kuma 2 ol misoomsuu danda'u jedhaniiru.

Jiraatonni aanaa Algee Sachii fi Daarimuus pirojeektoonni kun hojii misooma jallisii kanaan dura bifa aadaan hojjetan ammayyeessuun fayyadamummaa isaanii caalaatti ni mirkaneessa jedhanii akka abdatan himaniiru.

Pirojeektiin kun daraggoota hojii dhabeeyyiifis carraa hojii kan uumuudha jedhaniiru.

See insights and ads

Boost post

All reactions:

11

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015