Godina Gujiitti Qamadii bishaan addaddaan misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona tokko caalu walitti qabame

45

Ebla 08/2016(TOI)- Godina Gujiitti Qamadii bishaan addaddaan misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona tokko caalu walitti qabamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Ittigaafatamaan waajjirichaa obbo Taaddasaa Buzunaa bona baranaa qofa godinichatti lafa heektaara kuma 41 fi 400 irra Qamadiin faca’eera.

Oomishtummaa guddisuuf sanyiin filatamaa fi xaa’oon kuntaala kuma 35 fi 900 faayidaarra ooluu dubbataniiru.

Lafa kanarraa oomisha qamadii bonee kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 2 caalu walitti qabuuf karoorfamuu beeksisaniiru.

Oomisha sassaabuuf kombaayinaroota fayyadamuusaanii ibsaniiru.

Amma ammaatti oomisha kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 1 ol gombisaatti galfamuu eeraniiru.

Lafti barana Qamadii boneen misoome kan bardheengaddaa heektaara kuma 20’n akka caaluu fi oomishni eegamus kuntaala kuma 530’n nicaala jedhan.

Bishaan addaddaa fayyadamuun lafti Qamadii boneen misoomu dabalaa dhufuu ibsanii, oomishni walitti qabamus wagga waggaan dabalaa dhufuu eeraniiru.

Godinichatti jiraataan aanaa Girjaa obbo Maarqoos Barraaqoo qonnaan bultoota misooma Qamadiitti barana hirmaatan keessaa tokko akka ta’an ibsaniiru.

Midhaan bardheengaddaa argatan kunuunsa dhabuu fi calla guddistuutti fayyadamuu dhabuun oomishni argatan quubsaa akka hintaane niyaadatu.

Barana bishaan addaddaa fayyadamuun lafa heektaara lama misoomsuun amma ammaatti oomisha kuntaala 30 ol walitti qabuusaanii ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Adoolaa Redee obbo Duub Waaqoo gamasaaniin misooma qamadii bonee waggaa sadiif oomishaa akka turan eeraniiru.

Rooba eeguun oomishni waggaatti altokko qofa oomishamu nyaatarra darbee gabaaf ooluu akka hindandeenye niyaadatu.

Hojii misooma Qamadii bonee erga jalqabanii asitti waggaatti al lama oomisha akka walitti qabanii fi gabaaf akka dhiheessan eeraniiru.

Barana qamadii lafa heektaara lamarratti misoomsanirraa kuntaala 60 akka abdatan ibsaniiru.

Oomisha kana dafanii walitti qabuun arfaasaa kanatti boloqqee facaasuuf karoorfachuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015