Qamadii karaa addaddaa misoomsuun oomisha alaa galu hambisuun danda’ameera-ministeera qonnaa

28

Ebla 08/2016(TOI)- Mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kenneen qamadii karaa addaddaa misoomsuun oomisha alaa galu hambisuun danda’amuusaa de’eetaan ministira qonnaa doktar Mallas Mokonnon ibsan.

De’eetaan ministirichaa Jila magaalaa Naayijeeriyaa magaalaa Jigaawaa misooma qamadii Itiyoophiyaatti galmaa’aa jirurraa muuxannoo fudhachuuf dhufe waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan Qamadii qulqullinaa fi baay’inaan oomishaa akka jirtu de’eetaan ministiraa doktar Mallas Mokonnin marii kanarratti ibsaniiru.

Badhaadhina qabeenyaa qamadiirratti hundaa’e uumuuf qonna qamadii jallisii babal’isuun, dhiheessii galtee fi tajaajila liqaa bal’inaan dhiheessuun akka barbaachisu marii kanaan kaafameera.

Itiyoophiyaan Qamadii qulqullinaa fi baay’inaan oomishaa akka jirtu jila kanaaf ibsanii haala Kanaan misooma Qamadiitiin ofirra darbitee gabaa alaaf dhiheessaa jirti jedhan de’eetaan ministiraa doktar Mallas Mokonnin.

Xiyyeeffannoo guddaa mootummaan damee kanaaf kenneen Qamadii karaa addaddaa misoomsuun oomisha alaa galu hambisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Miseensonni jilaa Naayijeeriyaa magaalaa Jigaawaarraa dhufan gamasaaniitiin Itiyoophiyaan misooma qamadiin ofdanda’uurra darbitee oomisha gabaa alaaf dhiheessuun biyya waan hindanda’amne dandeessedha jedhan.

Jilli kun muuxannoo kana fudhachuun biyyasaaniitti babal’isuuf yaalii taasisaniin gargaarsa Itiyoophiyaa akka barbaadan ibsuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa.

Biyyoota Sahaaraan gadi jiraatan keessaa heddumminaan Qamadii kan oomishtu Itiyoophiyaan jiddugaleessota qorannoo teeknooloojiin Qamadii akka babal’atu gargaaru kan hundeessitu yoo ta’u, sanyiiwwan Qamadii jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu danda’an 145 akka beeksifte eerameera.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Naayijeeriyaa ambaasaaddar Amiinuu Naagiir marii kanarratti hirmaachuunsaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015