Daandiiwwan sababa misooma Kooriidaraan cufamanii tura konkolaataaf banaa taasifamuu poolisiin Finfinnee beeksise

44

Ebla 08/2016(TOI)- Daandiiwwan sababa misooma Kooriidaraan Bitootessa 16 bara 2016 irraa kaasee sararri araat kiiloorraa amma Piyaassaatti jiru riqichi Raas Mokonnin hojjetamaa cufamanaa waan jiruuf cufaa turan walakkaan banaa taasifamuu poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Haala Kanaan,

• Dajjaach Wubeerraa karaa Afincoo barr gara riqicha Raas Mokonnin,

• Baashaa Waldee Chilootiirraa karaa Hoteela Tuuristii Riqicha Raas Mokonnin Afinc Barr,

• Hoospitaala Daanuurraa amma Hoteela Tuuristiitti bahuun gara Riqicha Raas Mokonnin Afincoo Barr,

• Konkolaachiftoonni bulchiinsa Araadaarraa karaa Hoospitaala Daanuutti bu’an kallattii tokkoon qofa  fayyadamuu akka danda’an poolisiin beeksiseera.

Haala Kanaan hojiiwwan misoomaa addaddaa adeemsifamaa waan jiraniif yeroo gabaabaafis ta’e yeroo dheeraaf konkolaataa dhaabuun deemuun dhorkaa ta’uu fi konkolaachiftoonni mallattoo tiraafikaa fi agarsiiftuuwwan kabajanii ofis ta’e kanneen biroo balaa tiraafikaa daandiirraa eegaa daandii kana fayyadamuu akka danda’an beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015