ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa
May 10, 2024 166
Caamsaa 2/2016 (TOI) – Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa jedhan. Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan hojii eegaluu Ijaarsa Piroojektii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera. Har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa ta’uu Looreetii Nagaa Adunyaa, Muummee Ministiraa keenya Dr. Abiyyi Ahimad Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) ifatti eegalchiisun mirkaneessaniiru. Taatee guddaan kun biyyaafi naannoo keenyaf barii bara haaraa kalaqaafi misooma dinagdee qabatamaa kan fidu qofa osoo hintaane, gama kalaqa dinagdee guddisuu, hawaasa naannawichaa humneessuufi itti fufiinsa mirkaneessuutinis gahee olaanaa kan taphatu ta’a. Gama dinagdeetiin Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) invastimantii idil-addunyaafi biyya keessaa hawwachuu, al-ergii dabaluu, al-galchii bakka buusuufi indaastiriiwwan teeknoolojii olaanaa jajjabeessuun dhakaa bu’uuraa tarsiimoo industirii Itiyoophiyaa akka ta’uuf kan qophaa’edha. Zoonichi, xiyyeeffannoo tarsiimo’aa maanufaakchariingii olaanoo, teeknoolojiifi raawwiilee itti fufiinsa qabaniif kennuun, zooniiwwan dinagdee addaa guutuu Afrikaatiif ulaagaa kan kaa’u ta’a. Hawaasa naannawichaa aangessuu ilaalchisee, mul’ata mootummaa 2025 irra dhaabbachuun kan hundaa’e, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) piroojektii dinagdeetii olitti, waadaa ummata Itoophiyaatiif galameedha. Tarkaanfiin addaa kun, carraa hojii kumaatamaan lakkaa’aman umuu cinaatti, carraa hojii naannawichaafi guddina ogummaatiif gumaacha guddaa kan argamisiisudha. Akkasumas, guddina indaastiriiwwan cinaa jajjabeessuun misooma naannoo keenyaa kan saffisiisu ta’a. Egeree Itti Fufiinsa Qabu: Itti fufiinsaaf kan of kenne, Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) teknoolojiiwwan magariisaafi raawwiilee kalaqaa walitti makuun dhiibbaa naannoo xiqqeessuun, misooma industirii michuu-naannoo (eco-friendly) ta’eef sadarkaa (standard) haaraa kakaasuu kaayyeffateera. Imala Seenaa Qabeessa Kana Irratti Nutti Makamaa; Egeree ifaafi badhaadhina qabuuf bu'uura yeroo keenyu kanatti, lammiileen Itoophiyaafi michoonni keenya addunyaa hundi piroojektii cehumsaa kana akka deeggartaniifi irratti hirmaattan kabajaan isin afeerra. Waliin hojjechuun, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa gara wiirtuu carraafi kalaqaatti haa jijjiirru.
Zooniin Dinagdee addaa Gadaa humna biyya keenyaa fi naannawwichaa cimsuun dhaabbata ijoo warraqsa damee indastiriirratti taasisnu keessatti gahee isaa bahatudha
May 10, 2024 34
Caamsaa 2/2016 (TOI) - Zooniin Dingdee adda Gadaa dandeettii biyya keenyaa fi naannawwaa cimsuun galma damee industirii keenyaan kaawwanne galmaan ga’uuf dhaabbata ijoo ta’ee kan tajaajiludha jedhan Minitirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad har'a ijaarsa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa eegalchisaniiru. Ministirri Muummee FDRI ergaa karaa miidoyaa hawaasummaa isaanii dabardaniin milkaa’ina damee qonnaatiin arganne damee industiriitiin irra deebi’uuf hawwii guddaa qabna jedhaniiru. Bu’aaleen damee qonnaan argaman damee Indastiriinis dabalamuu qabu- Dr. Abiyyi Ahimad. Naannawaan Daldala bilisaa Lumee imala biyyattiin gara Indastiriitti taasisaa jirtu kan milkeessu ta'uu Dooktar Abiy Ahimad himaniiru. Jalqabamuun Zoonii kanaa galma biyyattiin damee Indastiriitti qabatte kan milkeessuu waan ta’eef ciminaan hojjechuun murteessaa ta'uus kaasaniiru. Akka Naannoo Oromiyaatti hojii boonsaa eegalame milkeessuuf kan tumsan barbaachisu kan taasiisan ta’uu eeraniiru.
Uggurri Viizaa Kaawunsiliin Gamtaa Awurooppaa taasise haqa qabeessa miti
May 9, 2024 689
Caamsaa 1/2016 (TOI) - Uggurri Viizaa Kaawunsiliin Gamtaa Awurooppaa taasise haqa qabeessa akka hin taame Ministeerri Dhimma Alaa beeksise. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa, Nabiyyuu Tadlaa hojiiwwan dippilomaasii gurguddoo fi hojiiwwaan itti fufnsaan hojjetaman kan torban kanaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin murtee Kawunsiiliin Gamtaa Awurooppaa uggura viizaa lammiilee Itoophiyaa ilaalchisee kaa'e, akkasumas ibsa waloon Imbaasiiwwan Finfinnee jiran baasaan haqa qabeessa miti jedhaniiru. Itoophiyaan lammiilee Itoophiyaa ilaalchisee uggurri viizaa Kawunsiiliin Gamtaa Awurooppaa dabarse yeroo isaa kan hin eegganne fi haqa qabeessa akka hin taane beeksifteetti jedhaniiru. Uggurri kaa’ame kun lammiilee Itoophiya biyyoota Awurooppaa keessa jiran kan koolu galtummaa barbaadan osoohojii adda baasuu gahaa hin taasisiin gara biyya isaaniitti deebisuuf murtee murtaa'e ta’uu ibsaniiru. Kanaan dura iyyaataan gara Awuroppaatti imaaluu barbaadu sanadoota barbaachisoo ta’an guutuuf guyyoota 15 kan fudhatu ta’uu adeemsa eeyyama viizaa argachuu kan gara guyyoota 45'tti ol guddisuun haqa qabeessa miti jedhaniiru. Itoophiyaan murteen daangaa viizaa sirrii akka hin taane gamticha beeksisuu ishee eeraniiru. Lammiilee dhimmi isaanii qoratamee gara biyyaatti deebi’aa jiran qorachuuf koreen biyyoolessaa hundeeffamee gamticha waliin hojjechaa akka ture himaniiru. Lammiilee Itoophiyaa gamtaa Awurooppaatti koolugaltummaa gaafatan keessaa 15 gara biyya isaaniitti akka deebi’an koreen kun ibseera jedhaniiru. Itoophiyaan tarkaanfii uggura viizaa gamtichi fudhate irratti mari’achuufi akkaataa qajeeltoowwan idil-addunyaatiin furmaata kennuuf qophii ta’uus eeraniiru. Itoophiyaan hojimaata idil-addunyaatiin lammiilee gara biyya isaaniitti deebisuuf hojjechaa akka jirtu eeranii; Gamtaan Awurooppaa murteen viizaa ilaalchisee kenname akka haqamu ni gaafatti jedhaniiru. Dabalataan yeroo dhiyoo as Imbaasiwwan teessoo isaanii Finfinnee taasiifatan tokko tokko ibsa hojimaata Dippiloomaasii hin eegne kennaa jiraachuu ibsaniiru. Haaluma kanaan Ibsi Imbaasiwwan tokko tokko guyyaa ‘Press’ ilaalchisee gurmuun kennan fudhatama kan hin qabne ta’uu eeraniiru. Itoophiyaan ibsa Daboo kana kan hin fudhanne ta’uu Obbo Nabiyyuun ibsaniiru. Mootummaan Itoophiyaa bilisummaan ‘Press’ akka kabajamu murannoo cimaa qabaachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaatti bifa addaan lakkoofsi Miidiyaalee Diijitaalaa babal’achaa dhufuun biyyattiitti bilisummaan ‘Press’ guddachaa jiraachuu agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.
Bu'aawwan sosochii Itoophiyaan haa oomishituun arganne caalaatti itti fufsiisuu qabna
May 9, 2024 55
Ebla 1/2016(TOI) - Oomishitoota biyya keessaa deeggaruunii fi oomisha biyya keessatti oomishame fayyadamuun sosochii Itoophiyaan haa oomishituun bu'aawwaan argaman caalaatti itti fufsiisuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii erga dabarsaniin Indastiriiwwaan oomishaa humna Itoophiyaan gama galteewwaniin, annisaan, gabaa fi humna namaan qabdu kallattii hundaan gara bu'aatti jijjiruuf hojjechuu qabu jedhaniiru.
Dilbata dhufu Caamsaa 4 bara 2016 sosochii “Itoophiyaa Qulqulluuf ” jedhuun guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf Teletoonii Diijitaalaan lammiilee hirmaachisu qophaa’eera.
May 9, 2024 63
Dilbata dhufu Caamsaa 4 bara 2016 sosochii “Itoophiyaa Qulqulluuf ” jedhuun guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf Teletoonii Diijitaalaan lammiilee hirmaachisu qophaa’eera. Caamsaa 1/2016(TOI) - Dilbata dhufu Caamsaa 4 bara 2016 sosochii “Itiyoophiyaa Qulqulluuf ” jedhuun guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf Teletoonii Diijitaalaan lammiilee hirmaachisu qophaa’uu waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waliin ta’uun hojii fakkeenyummaa qabu hojjechuu dandeenya Caamsaa 4 Bara 2016 sosochii “Itoophiyaa Qulqulluuf” jedhutti haa makamnu jechuun waajjirri Ministira Muummee ergaa dabarseera.
Siyaasa

Itoophiyaan walitti bu'insa Sudaan keessa jiru karaa nagaa furuuf tattaaffii taasiftu deeggaruu cimsitee itti fufti
May 8, 2024 270
Ebla 30/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti bu'insa Sudaan keessa jiru karaa nagaa furuuf tattaaffii taasiftu deeggaruu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise. Deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa eggata ministira dhimma alaa Sudaan Rippabilikii ambaasaaddar Huseen Awaad Alii Mahaammad waliin har'a waajjira isaanitti bari'ataniiru. Qaamoleen lamaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaaniirratti mari'achuu isaanii ragaan Ministeericharra argame ni mul'isa. Marii kanarratti ambaasaddar Misgaanuu Araggaa hanga ammatti hojii Itoophiyaan walitti bu'insa Sudaan keessa jiru karaa nagaa furuuf deeggarsa taasistee yaadachiisanii; hojiin kun gara fuula duraatti cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru. Dabalataan Itoophiyaan nagaan waaraan hunda hammate Sudaan keessa akka jiraatuuf abbummaa Sudaanootaanii fi dursummaa isaaniin taasifamuu qaba ejjennoo jedhu akka qabu beeksisaniiru. Rippabilika Sudaanitti eeggataan Ministira Dhimma Alaa ambaasaddar Mhaammad Huseen gama isaaniin hojii Itoophiyaan nagaa waaraan Sudaan keessa akka jiraatuuf taasisaa jirtu dinqisiifatanii; gahee ishee walitti dhufeenya obbolummaa fi seena qabeessaa irratti hundaa'uun deeggarsa taasisaa jirtu cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.
Pireezidaanti Shimallis hawaasa godinaalee Wallaggaa hiriira ba’uun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban argisiisan galateeffatan
May 8, 2024 100
Ebla 30/2016 (TOI) – Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaan Hawaasa godinaalee Wallaggaa hiriira ba’uun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban argisiisan galateeffataniiru. Guutuun ergaa isaaniin haala armaan gadiin dhiyaatera. Jjjiiramni keenya qormaatilee alaafi keessoo dandamatee milkaa'ina mirreen tarkaanfachaa as gahee jira. Kana milkeessufis ta'ee injifannoo rogdanuun dabaluu keessatti ummanni Wallaggaa harka tokkoon nageenya tikfataa harka hafeen misooma hojjetaa tureera. Jijjiiramni gatii qaaliin dhufe kun boqonnaa seenaa walqixxummaaf akeekkiin badhaadhina waloo biyya keenyaa itti mirkanaa'efi xomborri bilisummaa itti ifeedha. Gara fuula duraattis, deeggarsa ummata keenyaafi hoggansa qareessa Looreetii Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Dr. Abiy Ahimad kennaniin gufuuwwan hedduu mudatan keessatti imaammata mo'ataafi bilchaataa qabannee biyya keenya mo'ichaafi kabaja hedduuf kaadhimuu kan itti fufnu ta'a. Guyyaa har’aa, ummata Wallaggaa osoo haalota kamiinuu hin daangeffamin injifannoowwan jijjiiramaa yaadachuuf hiriira seena qabeessa kana irratti hirmaattan hundaaf galata addaa dhiyeessaa, jijjiirama gatii qaaliin argameefi egeree waloo ummata Itoophiyaa akeeke kana, nagaa waaraa mirkaneessufi misooma finiinsuun tikfachuun gahee hunda keenyaa ta'uu yaadachiisuun barbaada. Irra deebiin Ulfaadhaa! Galatoomaa!
Ummaanni nageenya, tokkummaa fi misooma irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba
May 8, 2024 118
Ebla 30/2016 (TOI) - Ummaanni nageenya, tokkummaa fi misooma irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hiriira deeggarsa mootummaa jijjiiramaaf hawaasni Godinaalee Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti gaggeessanirratti argamaniiru. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin uummanni nageenya, tokkummaa fi misoomarratti xiyyeeffatee akka hojjetu waamicha taasisaniiru. Nageenyi bu'uura waan hundaa ta'uu eeranii; '' Namni keessa isaatti nagaa yoo ta'e biyyi nagaa yoo ta'e akka har'aa jalalaa fi miira obbolummaan wal argee mari'achuu ni danda'a jedhaniiru.
Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun salphinatti adeemurra dhaabbatee yaaduu barbaachisadha
May 8, 2024 65
Ebla 30/2016 (TOI) – Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun salphinatti adeemurra dhaabbatanii yaaduun barbaachisadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad. Rakkoon Ummata Oromoo guddaan tokkummaa dhabuudha waan ta'eef Oromoon injifannoo aarsaa guddaan argame tikfachuuf, misooma waaressuuf tokkummaa isaa cimsuu qaba jedhaniiru. Tokkummaan Oromoo tokkummaa Itoophiyaaf qoricha ta’uus himaniiru. Aadaa fi duudhaa qabnutti deebinee marii fi marrabbaan rakkoo jiru furuun murteessaadhas jedhaniiru. Kana booda injifannoo argame tikfachaa misooma waaressuu malee dhimmoota xixiqqoon wal ajjeesuu fi wal waraanuun dhaabbachuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Jilli Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiin durfamu Naqamtee dhaqe.
May 8, 2024 120
Ebla 30/2016(TOI) - Jilli Ministira Muummee Itoophiyaa doktar Abiy Ahimadiin durfamu magaalaa Naqamtee dhaqeera. Jilli kunis wayita Magaalaa Naqamtee gahu sirna ho’aan simatameera. Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen xurunee, Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, Af-Yaa’iiwwan mana maree bakka bu’oota uummataafi Federeshinii Obbo Taaggesee Caafoofi Aagenyewu Teshaagar dabalatee keessummoonni biroonis doktar Abiy waliin Naqamtee dhaqaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad bakka buutota hawaasaa Godinaalee Wallaggaa arfan waliin ni mari’atu jedhamee eegama. Kana malees, hojilee misoomaa xumuraman ni eebbisu kanneen ijaarsarra jiranis akka daawwatan ni eegama. Gabaasaan kan OBN
Itoophiyaan miseensa BRICS akka taatu deeggarsi Chaayinaan taasiifte hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu isaaf agarsiiftudha
May 6, 2024 708
Ebla 28/2016 (TOI) – Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa kan turan Zhaa’oo Zhiiyuu’aan yeroo hojii isaanii xumuruun gara biyya isaanii deebi’aniiru. Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eelii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaniru. Hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 50 ol kan lakkoofsisee fi gara tumsa tarsiimowaatti guddachuu Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan ibsaniiru. Ambaasaaddarichi turtii isaaniin hariiroon biyyoota lamaanii caalmaatti akka cimu gumaacha olaanaa ba’achuu eerameera. Itoophiyaan miseensa BRICS akka taatu deeggarsi Chaayinaan taasiifte hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu agarsiiftuu ta’uu Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan eeraniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamsgeen Xurunee Bahaar Daar dhaqan
May 2, 2024 1159
Ebla 24/2016(TOI) - Jilli hoggantoota hojii olaanoo mootummaa itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamsgeen Xuruneen durfamu magaalaa Bahaar Daar gale. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin haadha Haroo Xaanaa, buufata odolaalee hedduu, bakka argama fincaa'aa Xiis Abbaay, bakka gahumsa tursitoota hedduu fi teessoo mootummaa naannoo Amahaaraa kan taate magaalaa Bahaar Daar galleerra jedhaniiru. Jilli itti aanaa ministira Muummee obbo Tamasgeen Xuruneen durfamu buufata Xiyyaara idil addunyaa Bahaar Daar yeroo gahuu pirezidaantiin naannichaa fi kantiibaan magaalichaa akkasuma hawaasni simannaa taasiseefira.

Hawaasummaa
Sirna Gadaa Ituu cimsuu fi bakkeewwan hawwata turizimii naannawwaa Odaa Bultum jiru misoomsuuf waliigalteen dandeesisu mallatteeffame
May 8, 2024 827
Ebla 30/2016(TOI) - Godina Harargee Lixaatti kan argamu jiddugala sirna Gadaa Ituu kan ta'e Odaa Bultum misooma turizimiif oolchuuf waliigalteen dandeesisu mallatteeffame. Waliigaltee kanas Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Dhaabbata tola oolaa Kuraa Galaanitu waliif mallatteesse. Haala waliigaltee kanaan naannawwaan Odaa Bultumitti hojiin misooma turizimiif oolaan kan hojjetamu yoo ta'u hojiin kunis kan hojjetamu waggaa lama keessaattidha jedhameera. Hojii kanaan jiddugala Gadaa Ituu kan ta'e Odaan Bultum misoomee bakka gahumsa turiozimii filatamaa akka ta'u ni taasifama jedhameera. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu naannichaatti Aadaa fi Duudhaa jiru misoomsuu fi beeksisuun bakka gahumsa turizimii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Naannichatti ardaawwan jilaa jiran misoomsuun carraa hojii uumuu keessatti gahee isaanii akka banis hojjetama jirachuu aadde Jamiilaan himaniiru. Haaluma kanaan ardaa jilaa fi jiddugala gadaa Ituu kan ta'e naannawwaa Odaa Bultumis misoomsuuf waliigalteen kun taasifamuu himaniiru. Dhaabbata tola oolaa Kuraa galaanitti hoji geggeessaa kan ta'an Toofik Abdallaa godina Harargee Lixaatti kan argamu bakkeewwan hawwata turizimii naannawwaa Odaa Bultum jiran misoomsuuf walii galtee kana mallattesuu himaniiru. Hojiin misooma kun karaa hirmaannan uummata itti mirkanaa'een kan hojjetamu ta'uu himanii hojiin kunis waggaa lama keessatti ni xumurama jedhaniiru. Dabalaatan duudhaa sirna gadaa fi ijaarsa isaarratti hubannoon gahaan akka jiratu ni hojjetama jedhaniiru.
Sosochiin naannaawwaa dhaabbilee fayyaa qulqulluu uumuu ifatti jalqabame
May 7, 2024 351
Ebla 29/2016 (TOI) - Ministirri Fayyaa doktar Maqidas Dhaabbaan qaama '' Daandii Qulqulluu - jireenya fayya qabeessaa'' kan ta'e sosochii naannawwaa Dhaabbilee Fayyaa qulquluu taasisuu ifatti jalqabsiisan. Sagantaa sosochii kanaas mata duree '' Itoophiyaa qulqulluu dhaabbilee fayyaa qulqulluu fayyaa guutuuf'' jedhuun geggeeffama jedhameera. Sosochi kana ifatti kan jalqabsiisan Ministirri Fayyaa doktar Maqidas Dhaabaa dhaabbilee fayyaa fi naannawwaa dhaabbilee fayyaa qulquluu uumuun qaama sosochii ministira muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin kan ifoome ''Itoophiyaa qulqulluuti'' jedhaniiru. Haaluma kanaan guyyaa har'aa Hospitaala 'Alert Comprehensive Specialized' fi Pheexiroositti hojiin qulqullinaa hojjetameera. Sochiin hospitaalota lamaan keessatti eegalame dhaabbilee fayyaa biroottis kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Pireezidaanti Saahilawarqi lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodan
May 2, 2024 1725
Ebla 24/2016(TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ayyaanaa Sooma hiika sababeeffachuun Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aradaa Aanaa 8tti lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru. Lammiilee kanneen dhaabuuf deeggarsi taasiifamu yeroo hunda dhaabbiin itti fufuu akka qabu Pireezidaanti Saahilawarqi dhaamaniiru. Ayyaannicha wayita kabajnu lammiilee harka qalleeyyii waliin ta’uun kabajuu qabnas jedhaniiru
Aadde Adaanech Abeebee ayyaana dhufaa jiru sababeeffachuun jiraatoota magaalichaa kuma 255 galii gadaanaa qabaniif maaddii qoodan
May 2, 2024 196
Ebla 24/2016(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee Aadde Adaanech Abeebee ayyaana faaskaa dhufaa jiru sababeeffachuun jiraatoota magaalichaa kuma 255 galii gadaanaa qabaniif maaddii qoodan. Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin har'a kutaalee magaalichaa hundaa fi dhaabbileen bulchiinsa magaalichaa ayyaana Faaskaa sababeeffachuun jiraatoota magaalichaa kuma 255 ol galii gadi aanaa qabanii fi manguddoota dadhaboof ayyaanicha gammachuun akka dabarsaniif maaddii qoonneerra jedhaniiru. Dureeyyoota magaalichaa hojii tola ooltummaa gaarii kanarratti hirmaatanis kantiiba Adaanech Abeebee galateeffataniiru.
Diinagdee
Har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa
May 10, 2024 166
Caamsaa 2/2016 (TOI) – Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa jedhan. Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan hojii eegaluu Ijaarsa Piroojektii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera. Har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa ta’uu Looreetii Nagaa Adunyaa, Muummee Ministiraa keenya Dr. Abiyyi Ahimad Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) ifatti eegalchiisun mirkaneessaniiru. Taatee guddaan kun biyyaafi naannoo keenyaf barii bara haaraa kalaqaafi misooma dinagdee qabatamaa kan fidu qofa osoo hintaane, gama kalaqa dinagdee guddisuu, hawaasa naannawichaa humneessuufi itti fufiinsa mirkaneessuutinis gahee olaanaa kan taphatu ta’a. Gama dinagdeetiin Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) invastimantii idil-addunyaafi biyya keessaa hawwachuu, al-ergii dabaluu, al-galchii bakka buusuufi indaastiriiwwan teeknoolojii olaanaa jajjabeessuun dhakaa bu’uuraa tarsiimoo industirii Itiyoophiyaa akka ta’uuf kan qophaa’edha. Zoonichi, xiyyeeffannoo tarsiimo’aa maanufaakchariingii olaanoo, teeknoolojiifi raawwiilee itti fufiinsa qabaniif kennuun, zooniiwwan dinagdee addaa guutuu Afrikaatiif ulaagaa kan kaa’u ta’a. Hawaasa naannawichaa aangessuu ilaalchisee, mul’ata mootummaa 2025 irra dhaabbachuun kan hundaa’e, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) piroojektii dinagdeetii olitti, waadaa ummata Itoophiyaatiif galameedha. Tarkaanfiin addaa kun, carraa hojii kumaatamaan lakkaa’aman umuu cinaatti, carraa hojii naannawichaafi guddina ogummaatiif gumaacha guddaa kan argamisiisudha. Akkasumas, guddina indaastiriiwwan cinaa jajjabeessuun misooma naannoo keenyaa kan saffisiisu ta’a. Egeree Itti Fufiinsa Qabu: Itti fufiinsaaf kan of kenne, Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) teknoolojiiwwan magariisaafi raawwiilee kalaqaa walitti makuun dhiibbaa naannoo xiqqeessuun, misooma industirii michuu-naannoo (eco-friendly) ta’eef sadarkaa (standard) haaraa kakaasuu kaayyeffateera. Imala Seenaa Qabeessa Kana Irratti Nutti Makamaa; Egeree ifaafi badhaadhina qabuuf bu'uura yeroo keenyu kanatti, lammiileen Itoophiyaafi michoonni keenya addunyaa hundi piroojektii cehumsaa kana akka deeggartaniifi irratti hirmaattan kabajaan isin afeerra. Waliin hojjechuun, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa gara wiirtuu carraafi kalaqaatti haa jijjiirru.
Zooniin Dinagdee addaa Gadaa humna biyya keenyaa fi naannawwichaa cimsuun dhaabbata ijoo warraqsa damee indastiriirratti taasisnu keessatti gahee isaa bahatudha
May 10, 2024 34
Caamsaa 2/2016 (TOI) - Zooniin Dingdee adda Gadaa dandeettii biyya keenyaa fi naannawwaa cimsuun galma damee industirii keenyaan kaawwanne galmaan ga’uuf dhaabbata ijoo ta’ee kan tajaajiludha jedhan Minitirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad har'a ijaarsa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa eegalchisaniiru. Ministirri Muummee FDRI ergaa karaa miidoyaa hawaasummaa isaanii dabardaniin milkaa’ina damee qonnaatiin arganne damee industiriitiin irra deebi’uuf hawwii guddaa qabna jedhaniiru. Bu’aaleen damee qonnaan argaman damee Indastiriinis dabalamuu qabu- Dr. Abiyyi Ahimad. Naannawaan Daldala bilisaa Lumee imala biyyattiin gara Indastiriitti taasisaa jirtu kan milkeessu ta'uu Dooktar Abiy Ahimad himaniiru. Jalqabamuun Zoonii kanaa galma biyyattiin damee Indastiriitti qabatte kan milkeessuu waan ta’eef ciminaan hojjechuun murteessaa ta'uus kaasaniiru. Akka Naannoo Oromiyaatti hojii boonsaa eegalame milkeessuuf kan tumsan barbaachisu kan taasiisan ta’uu eeraniiru.
Bu'aawwan sosochii Itoophiyaan haa oomishituun arganne caalaatti itti fufsiisuu qabna
May 9, 2024 55
Ebla 1/2016(TOI) - Oomishitoota biyya keessaa deeggaruunii fi oomisha biyya keessatti oomishame fayyadamuun sosochii Itoophiyaan haa oomishituun bu'aawwaan argaman caalaatti itti fufsiisuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii erga dabarsaniin Indastiriiwwaan oomishaa humna Itoophiyaan gama galteewwaniin, annisaan, gabaa fi humna namaan qabdu kallattii hundaan gara bu'aatti jijjiruuf hojjechuu qabu jedhaniiru.
Yaa'iin Faayinaansii Afrikaa bahaa Finfinneetti geggeeffamu jalqabe
May 9, 2024 45
Caamsaa 1/2016(TOI) -Yaa'iin Faayinaansii Afrikaa bahaa Finfinneetti geggeeffamu jalqabe. Yaa'iin kun yeroo torbaffaaf geggeeffama kan jiru yoo ta'u; Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Miratuu dabalatee, hoggantoonni Baankiiwwanii, bakka buutota dhaabbilee Inshuraansii fi damee faayinaansii irratti kanneen hojjetan hirmaachaa jiru. Dinagdee dhiibbaa idil addunyaa damdamachuu danda'u ijaaruu, walitti hidhamsa Afrikaa bahaa uumuu, carraawwaan dinagdee jiran dabalatee damee faayinaanisii dureeyyoota biyya alaaf banaa taasisuun Yaa'icharratti ajandaa irratti mari'achuuf dhihaatedha jedhameera. Dabalataan Itoophiyaan Gabaa Kaappitaalaa dhaabduuf dirree bal'isuurratti hojii hojjechaa jirtu fi carraawwan hojiin kun fidee dhufurrattis ni mari'atama jedhameera. Yaa'iin waggaa Faayinaanisii Afrikaa Bahaa Afrikaa Bahaatti walitti hidhaminsa damee faayinaanisii cimsuu fi muuxannoo wal jijjiruuf kan fayyadu ta'uu eerameera. Yaa'iin kun har'a irraa eegalee guyyoota lamaaf kan geggeeffama jedhameera. See insights and ads Boost post Like Comment Share
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi
Apr 25, 2024 219
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise. Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira. Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira. Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru. Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.
Haleellaa Saayibarii ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu qabu jedhame
Apr 18, 2024 527
Ebla 10, 2016 (TOI)- Guddina teeknooloojii hordofee haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekame. Yaa’iin “Working Group” 10ffaan Biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaatti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii fi jilli isaanii hirmaataniiru. Aadde Tigisti Haamiid akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyooni miseensa ‘BRICS’ fi biyyoonni addunyaa dhimma haleellaa saayibariirratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiru. Dhimmi nageenya odeeffannoo ajandaa murteessaa biyyootaa miseensa BRICS ta’ee itti fufuu akka qabu eeran. Biyyonnni miseensa garichaas dandeettii yaaddoowwan haleellaa dandamachuun isaanii cimsuun naannawaa dijitaalaa nageenyi isaa amansiisaa uumuu akka qaban ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa. Yaa’ichaan biyyoonni miseensaa, nageenya kominikeeshinii fi odeeffannoo, waljijjiirraa odeeffannoo, yaaddoowwan nageenya saayibarii ittisuuf akkasumas muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uun ibsameera. Aadde Tigisti waltajjiichaan cinaatti biyyoota miseensa garichaa waliin haalaa nageenyaa saayibariirratti hojjechuu danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 361
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne
Apr 16, 2024 337
Ebla 8/2016 (TOI) – Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera. Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu gabaasa isaan ifa godheera. Maddii haasawaa jibbiinsaa miidiyaaleen hawaasaa qoodaan ijoon Abbootii Amantii tokko tokko, Aktiivistoota, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa ta'uu gabaasa isaa kanaan ifoomseera. Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantii, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaafateera.
Ispoortii
Ispoortii Biskileetiin Olompiikii Paarisirratti hirmaachuuf qophiin tasifamaa jira
Apr 26, 2024 417
Ebla 18/2016(TOI)-Dorgomtoonni Itiyoophiyaa biskileetiin dorgomanOlpmpiikii Paarisirratti hirmaachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran federeeshiniin Biskileetii Itiyoophiyaa ibse. Hoogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Fitsum Walda’aab akka ibsanitti, dorgomtoonni biskileetii dhiirri jahaa fi dubartoonni shan kilaboota addaddaarraa waliti dhufan hirmaannaa Olompiikii argachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees Itiyoophiyaanonni dorgomtoota Biskileetii kilabii Awurooppaa keessa jiran, dorgommiiwwan addaddaarratti hirmaachuun qabxii ida’amaatiin qabxii Olompiikiirratti hirmaachuu isaan dandeessisu argachuuf hojjechaa jiru jedhaniiru. Olompiikii Paarisiif darbuuf dursee qophiin eegalamuu fi dorgomtoonni Biskileetii waltajjii dorgommii argachuunsaanii jalqabbii gaarii ta’uu dubbataniiru. Leenjisaan muummee garee biyyaalessaa Biskileetii Nugusee Gabrayohaannis gamasaatiin, dorgommii tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti hirmaatan caalaa qophiin taasisaa akka jiran dubbateera. Yeroo ammaa dorgommii biskileetii waggaa naannoon Tigraay qopheessurratti hirmaachuuf dorgomtoonni Biskileetii 11 magaalaa Aksum akka jiran ibseera. Dorgomtoonni kunneen taphoota guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti taasifamerratti hirmaatanii kan turan ta’uu fi dorgommii Kanaan kilabasaanii bakka bu’anii akka hirmaatan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Olompiikii Riyoo bara 2016 qophaa’ee fi Olompiikii Tookiyoo bara 2021 qophaa’erratti Ispoortii Olompiikiin hirmaachuunshee niyaadatama. Waltajjii Afriikaarrattis tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti barana taasifamerratti, dhiira jahaa fi dubartii shaniin hirmaachuun meedaaliyaa meetii tokkoon Afriikaarraa torbaffaa bahuun xumuruunshee niyaadatama.
Sagantaan torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 18, 2024 341
Ebla 10/2016(TOI)- Taphoonni guyyaa jalqabaa torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu. Tapha jalqabaa torbee 22ffaan Magaalaan Walqixxee Itiyoophiyaa Madin waliin sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan Walqixxee taphaoota liigichaa walitti aansee taphate shaniin altokko mo’atee altooko mo’amee alsadii walqixa baheera. Magaalaan Walqixxee qabxii 16’n sadarkaa 14ffaa qabatee qaxanaa gadibu’aarra jira. Itiyoophiyaa Nadin taphoota shan darbaniin altokko mo’atee altokko mo’ameera. Taphoota sadii walqixa baheera. Itiyoophiyaa Mqabxii 19’n sadarkaa 13ffaarra jira. Tapha lammaffaa galgala sa’aatii 1tti taphatamuun magaalaan Bahaardaarii fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa nimorkatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota walitti aanan shan taphateen hinmo’amne. Sadii mo’atee lamaan walqixa baheera. Magaalaan Bahaardaar qabxii 33’n sadarkaa 5ffaarra jira. Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee tokkoon mo’amee lamaan walqixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 30’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Sagantaan torbee 22ffaa borus ittifufuun Hambarichoo Duraamee magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaan magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphoonni torbee 22ffaan amma Ebla 13tti nitura. Piriimiyeer liigii kana baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 43’, dursaa jira. Taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan goolii 12 galchuun dursaa jira. Taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee, taphataan Qiddus Giyoorgis Amaanu’eel Orboo, taphataan magaalaa Bahaardaar Charinnat Gugsaa fi taphataan magaalaa Adaamaa Yooseef Taarraqany qabxii walfakkaataa goolii 9’n hordofaa jiru. Taphoonni piriimiyer Liigii torbee 23ffaa amma 27ffaatti istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti akka taphataman waldaan aksiyoonaa liigichaa beeksiseera.
Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan har’a jalqabama
Apr 11, 2024 447
Ebla 03/2016(TOI)- Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan taphoota lama taphatamaniin har’a nijalqabama. Dursaan liigicha Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti nitaphatu. Baankiin daldalaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’amee lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Hawaasaa taphoota shan keessaa lama mo’atee lama mo’amee tokko ammoo qabxii qooddatee qabxii 26’n sadarkaa 10ffaarratti argama. Walaayittaa Diichaan magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan taphateen sadiin mo’amee al lama walqixa bahee qabxii 24’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taphateen sadii mo’atee tokko walqixa nahe tokko ammoo mo’ameera. Magaalaan Dirreedawaa qabxii 29’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Sagantaan torbee 21ffaa kanaan boru Faasiil KanamaaHambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti, magaalaan Bahaardaar Qiddus Goorgis waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 21ffaa kun amma Ebla 6 bara 2016tti nitura. Piriimiyeerliigii kana taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan galchii 11’n yemmuu dursu taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee galchiii 9’n hordofa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Dilbata dhufu Caamsaa 4 bara 2016 sosochii “Itoophiyaa Qulqulluuf ” jedhuun guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf Teletoonii Diijitaalaan lammiilee hirmaachisu qophaa’eera.
May 9, 2024 63
Dilbata dhufu Caamsaa 4 bara 2016 sosochii “Itoophiyaa Qulqulluuf ” jedhuun guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf Teletoonii Diijitaalaan lammiilee hirmaachisu qophaa’eera. Caamsaa 1/2016(TOI) - Dilbata dhufu Caamsaa 4 bara 2016 sosochii “Itiyoophiyaa Qulqulluuf ” jedhuun guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf Teletoonii Diijitaalaan lammiilee hirmaachisu qophaa’uu waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waliin ta’uun hojii fakkeenyummaa qabu hojjechuu dandeenya Caamsaa 4 Bara 2016 sosochii “Itoophiyaa Qulqulluuf” jedhutti haa makamnu jechuun waajjirri Ministira Muummee ergaa dabarseera.
Hojiin sosochii qulqullinaa fi misooma magariisaa magaalotaa sadarkaa biyyaalessaatti hojjetaman ifatti jalqabame
May 8, 2024 54
Ebla 30/2016(TOI) - Hojiin sosochii qulqullinaa fi misooma magariisaa magaalotaa sadarkaa biyyaalessaatti hojjetaman ifatti jalqabame Ministirri Mgaalaa fibu'uura misoomaa sadarkaa biyyatti kan hojjetamu hojii qulqullina magaalaa fi misooma magariisaa mata duree ''magaalaa qulqulluu badhaadhina Itoophiyaaf'' jedhuun har'a ifatti jalqabameera. Sagantaa jalqabsiisa sosochirratti Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti qindeessaa jiddugala ijaarsa dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraaha, Ministira magaalaa fi bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii dabalatee ministiroonni biroofi keessuummoonni biroon argamaniiru. Ministirri Magaalaa fi bu'uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii wayita kana akka himanitti; sosochiin qulqullinaa fi misooma magariisaa magaaloota sadarkaa biyyaatti har'a jalqabame kun qaame sosochii Daandii qulqulluu jireenya fayya qabeessaa Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ifoomsaniiti jedhaniiru.
Sababa rooba waqtii Arfaasaan miidhaan guddaan akka hin mudanne hojiiwwan ofeeggannoo bal'inaan hojjetamaa jiru
Apr 30, 2024 164
Ebla 22/2016(TOI) - Sadarkaa biyyatti naannaawwa adda addaatti sababa rooba waqtii Arfaasaan balaan cimaan akka hin mudannee hojiin ofeeggannoo duraa bal'inaan hojjetama jirachuu Komishiiniin bulchiinsa hoggansa yaaddoo balaa beeksise. Komishinarri komishinicha ambaasaaddar doktar Shifarrawu Takilemaariyaam TOI'tti akka himaniitti; akka raaga Instiitiyutii Metirolojii Itoophiyaatti bara kana waqtii arfaasaatti roobni idilee olii mudachuu danda'a. Naannawwaa rooba arfaasaa argatan kanatti sababa lolaan lammileerra miidhaan akka hin geenye qophiin duraa fi hojiin ittisuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiiwwaan kanneen milkaa'a taasisuuf sadarkaa sadarkaan koreen ijaaramee hojiiwwaan adda addaa hojjechaa jirachuu himaniiru. Rooba idilee oliin lolaa uumamuun daandiirrattilee balaan mudachuu waan danda'uuf galteewwaan qonnaa fi meeshaaleen adda addaa dursanii akka gahan taasifamuu eeraniiru. Lammilee naannaawwa qarqara lagaa jiraatan naannolee waliin ta'uun bakka biraa akka qubatan taasisuu fi hordoffiin barbachisaan tasiifama jira jedhaniiru. Naannawwaa irra deddebiin balaa lolaaf saaxilamoo ta'an mootummaa Federaalaa fi dhaabbilee deeggarsa taasisan waliin ta'uun furmaata waaraa kennuuf hojjetama jirachuus himaniiru.
Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijataadha
Apr 22, 2024 472
Ebla 14/2016 (TOI) - Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijata ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksisee. Ibsa inistiitiyuutichi TOI'ttiif ergeen guyyoota kurnan dhufanitti naannaawwaa kibba, bahaa, kaaba bahaa fi giddu galeessa biyyattiitti roobni salphaa hanga cimaa ta'u akka roobu ibsameera. Haala kanaan, jiidhinni eegamu fedhii bishaanii oomisha waqtii arfaasaa kanaan dura facaafamee fi biqiltoota kanaan dura dhaabamanii jiraniif mijataa akkasuma oomisha watii gannaaf haala kan mijeesuu kan danda'udha jedheera. Qonnaan bulaan jiidhina jirutti fayyadamuuf oomisha isaa oomishuuf galteewwan barbaachisu akka qopheeffachuu qabu eerera. Naannaawwaa hanqina roobaa qabanitti roobni guyyoota kurnan dhufan jiru nyaata beelladaa fi hanqina bishaan dhugaatii furuuf gahee olaanaa waan qabuuf bishaan ooyiruu qonnaa fi bakka birootti kuusuun hojii jallisiifis dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhameera. Gama biraatiin naannoolee kaaba bahaa, bahaa fi kibba bahaa biyyattiitti jiidhinni olaanaan akka eegamu raagni meetirooloojii ni mul’isa. Haalli kun ooyiruu irra dalaliin akkachiisuu fi biyyeen lolaan akka dhiqamu gochuu waan danda'uuf ofeeggannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu instiitiyutichi beeksiseera. Hojii ofeeggannoo cinaattis jiidha jiru dhimma itti bahuuf tattaaffiin taasifamuu qaba jedheera.
Gabaasa addaa
Magaalichatti ayyaana Faaskaatti balaan homtuu osoo hin uumamiin nagan kabajameera
May 6, 2024 69
Ebla 28/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni Faaskaa balaan homtuu osoo hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiiniin Hoggansa balaa fi Ibiddaa magaalichaa beeksise. Hawaasni ergaawwan ofeeggannoo duraa komishinichi kennaa ture hojiirra oolchuuf balaan tokko osoo hin mudatiin ayyaanichi waan kabajameef galateeffateera. Komishiinichatti ogeessa dubbi himaa uummata kan ta'an obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii ayyaanichaatti balaa ibiddaa mudateen namni tokko kan du'erraa kan hafe balaa tasaa fi ibiddaa tokkolee akka hin mudanne TOT'tti himaniiru. Guyyaa Sanbataa Kutaa magaalaa Boolee aanaa 12 naannawwaa Maariyaam Mazooraa jedhamee beekamutti jeneretara kaasuuf boba'aa itti naqaa kan ture hojjetaan hootelaa umuriin isaa 26 bala ibiddaa Jeneretaricharraa ka'een lubbuun daebuu himaniiru. Saaxilamummaa guyyaa ayyaana balaa uumamuu danda'uun yoo madaalamu balaawwan kan hin uumamne ta'uu himaniiru. Komishinichi ayyaanichaan dura bakka hawaasni bal'inaan argamutti hojii hubannoo uumuu hojjechaa turuu yaadachiisaniiru. Hawaasinis ergaa hubannoo uumuurratti kennameef kana hojiirra oolchuun ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamu gahee isaa bahuu danda'eera jedhaniiru. Gara fuula duraattis ofeeggannoo kana caalaatti cimsuu akka qabu hubachiisaniiru. Balaan tasaa fi ibiddaa yoo mudate immoo bilbila bilisaa 939, bilbila kallattii 0111-55-53-00 ykn 0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun ni danda'ama jwdhaniiru.
Hawaasni yeroo ayyaana Faasikaa kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba
May 1, 2024 148
Ebla 23/2016(TOI) - Hawaasni ayyaana Faasikaa fuula dura keenya kabajamu yeroo kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu akka qabu Komishiiniin hoggansa sodaa balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee hubachiise. Dubbi himaan Komishiinii Hoggansa balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee obbo Nigaatuu Maammoo akka himanitti hawaasni qophii ayyaanichaaf yeroo waantoota barbaachisan raawwatu balaan Ibiddaa fi kanneen biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba jedhaniiru. Komishinichis ayyaanicha ilaalchisee qophii dursaa barbaachisaa taasisuu himaniiru. Kana keessaas bakka sosochiin uummataa itti baay'atutti hojiin hubannoo uumuu sababa balaa ibiddaa fi kanneen biroo fi ogeeggannoo ta'uu qabu akkasuma yoo balaan mudatees waan gochuu qaban irratti kennama jira jedhaniiru. Hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa taasisee akka tasaa yoo balaan uumamee immoo komishiinichi galteewwanii fi humna namaa barbaachisaan yeroo kamiyyuu caalaa qophii taasisuu beeksisaniiru. Hojii ariitiin xumuruuf jecha rabsiituu elektirikaa tokko tajaajila adda addaaf fayyadamuun balaaf nama saaxiluu waan danda'uuf ofeeggachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Yeroo Nyaata bilcheesanii fi tajaajiloota biroo yeroo raawwatan waantoonni Ibidda uumuu danda'anirra fagachuu akkasuma Shaamaa fi waantoota biroo qabsiisanii deemuu sababa balaa ta'uu danda'a waan ta'eef irra ofgeeguun barbaachisadha jedhaniiru. Hawaasni yeroo balaan mudate karaa toora bilbila tolaa 939 ykn karaa sarara bilbilaa kallatti 0111555300 bilbiluun beeksisuu danda'a jedhaniiru.