Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijataadha

389

Ebla 14/2016 (TOI) - Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijata ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksisee.

Ibsa inistiitiyuutichi TOI'ttiif ergeen guyyoota kurnan dhufanitti naannaawwaa kibba, bahaa, kaaba bahaa fi giddu galeessa biyyattiitti roobni salphaa hanga cimaa ta'u akka roobu ibsameera.

Haala kanaan, jiidhinni eegamu fedhii bishaanii oomisha waqtii arfaasaa kanaan dura facaafamee fi biqiltoota kanaan dura dhaabamanii jiraniif mijataa akkasuma oomisha watii gannaaf haala kan mijeesuu kan danda'udha jedheera.

Qonnaan bulaan jiidhina jirutti fayyadamuuf oomisha isaa oomishuuf galteewwan barbaachisu akka qopheeffachuu qabu eerera.

Naannaawwaa hanqina roobaa qabanitti roobni guyyoota kurnan dhufan jiru nyaata beelladaa fi hanqina bishaan dhugaatii furuuf gahee olaanaa waan qabuuf bishaan ooyiruu qonnaa fi bakka birootti kuusuun hojii jallisiifis dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhameera.

Gama biraatiin naannoolee kaaba bahaa, bahaa fi kibba bahaa biyyattiitti jiidhinni olaanaan akka eegamu raagni meetirooloojii ni mul’isa.

Haalli kun ooyiruu irra dalaliin akkachiisuu fi biyyeen lolaan akka dhiqamu gochuu waan danda'uuf ofeeggannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu instiitiyutichi beeksiseera.

Hojii ofeeggannoo cinaattis jiidha jiru dhimma itti bahuuf tattaaffiin taasifamuu qaba jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015