Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan har’a jalqabama

311

Ebla 03/2016(TOI)- Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan taphoota lama  taphatamaniin har’a nijalqabama.

Dursaan liigicha  Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti nitaphatu.

Baankiin daldalaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’amee lama walqixa baheera.

Morkataansaa magaalaan Hawaasaa taphoota shan keessaa lama mo’atee lama mo’amee tokko ammoo qabxii qooddatee qabxii 26’n sadarkaa 10ffaarratti argama.

Walaayittaa Diichaan magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.

Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan taphateen sadiin mo’amee al lama walqixa bahee qabxii 24’n sadarkaa 12ffaarratti argama.

Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taphateen sadii mo’atee tokko walqixa nahe tokko ammoo mo’ameera.

Magaalaan Dirreedawaa qabxii 29’n sadarkaa 9ffaarratti argama.

Sagantaan torbee 21ffaa kanaan boru Faasiil KanamaaHambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti, magaalaan Bahaardaar Qiddus Goorgis waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.

Taphni torbee 21ffaa kun amma Ebla 6 bara 2016tti nitura.

Piriimiyeerliigii kana taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan galchii 11’n yemmuu dursu taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee galchiii 9’n hordofa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015