Jilli Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiin durfamu Naqamtee dhaqe.

Ebla 30/2016(TOI) - Jilli Ministira Muummee Itoophiyaa doktar Abiy Ahimadiin durfamu magaalaa Naqamtee dhaqeera.

Jilli kunis wayita Magaalaa Naqamtee gahu sirna ho’aan simatameera.

Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen xurunee, Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, Af-Yaa’iiwwan mana maree bakka bu’oota uummataafi Federeshinii Obbo Taaggesee Caafoofi Aagenyewu Teshaagar dabalatee keessummoonni biroonis doktar Abiy waliin Naqamtee dhaqaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad bakka buutota hawaasaa Godinaalee Wallaggaa arfan waliin ni mari’atu jedhamee eegama.

Kana malees, hojilee misoomaa xumuraman ni eebbisu kanneen ijaarsarra jiranis akka daawwatan ni eegama. Gabaasaan kan OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015