Ijaarsi magaalaa Ismaartii magaalaa Adaamaa fi Bishooftuutti jalqabame gara magaalota birootti babal'achuu qaba

192

Ebla 17/2016(TOI) - Hojiin Ministeerri magaalaa bu'uura misooma magaalaan Ijaarsi magaalaa 'Ismaartii' magaalaa Adaamaa fi Bishooftuutti jalqabame gara magaalota birootti babal'achuu akka qabu gareen Supparvizhinii federalaa beeksise.

 Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad yeroo raawwii hojii bara bajataa gamagamanitti gareen supparvizhinii federaalaa hundeeffamee dameewwan xiyyeeffannoon kennameef irratti daawwannaa dirree akka taasisan kallattiin kaa'ameera.

Haaluma kanaan ministeerri Karoora fi misoomaa kan qindeesu gareen supparvizhinii federaalaa adeemsa ijaarsa magaalaa ismaarit ministeera magaalaa fi  bu'uura misoomaa maal irra akka jiru wajjira ministeerichaa, magaalaa Adaamaa fi Bishooftuutti argamuun daawwanna dirree taasiseera.

Deetaan Ministira Magaalaa fi bu'uura misoomaa obbo Faantaa Dajan wayita kana akka himanitti; mootummaan karoora waggaa 10 fi karoora yeroo gabaaba keessatti ijaarsa magaalaa Ismaartii irratti xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu himaniiru.

Tarsimaa magaalaa Ismaartii qopheesuu fi  magaalootaaf irra deddebiin hubannoo uumuun bara 2015 Magaalaan Adaamaa akka moodelaatti fudhachuun  gara hojiitti galamuu eeraniiru.

Utubaawwan magaalaa ismaartii ijaaruu keessaa tokko "hoggansa ismaartiif" dursa kennuudhaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Magaalota isaanii ismaarit taaisuuf naannooleen kaka’umsa agarsiisaa akka jiran ibsuun, Jimmaa, Bahaar Daar, Dabrabiraan, Dasee, Hosaanaa, Buttaajiraa Arbaa Miinci fi Walaayittaa sooddotti jalqabiin gaariin akka jiru himaniiru.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee hojiin dijiitaalaayizeeshinii magaalattii keessatti eegalame bu’aa fidaa jira jedhan.

Tajaajila sirreessuun alattis dandeettii raawwachiisummaa mootummaa fooyyessee, gochawwan malaammaltummaa hir'isuu danda'eera jedhaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa gama isaaniin  kenniinsa tajaajilaa magaalichatti dijiitaala gochuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turaniiru.

Hojiin kunis tajaajila magaalichatti kennamu si'isuu danda'uu himaniiru.

Dursaan Garee To’annoo Dhaabbilee Federaalaa obbo Taganee Hayiluu akka jedhanitti;  hojiirra oolmaan teeknooloojii fi tiraansifoormeeshinii dijitaalaa magaalota Adaamaa fi Bishooftuu jajjabeessadha jedhaniiru.

 Magaalonni kunneen bulchiinsa lafaa sirreessuuf Kaadaastaran galmeesuun ijaarsa   ijaarsa magaalaa ismaartiif akka gargaaru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015