Hojiin sosochii qulqullinaa fi misooma magariisaa magaalotaa sadarkaa biyyaalessaatti hojjetaman ifatti jalqabame

Ebla 30/2016(TOI) - Hojiin sosochii qulqullinaa fi misooma magariisaa magaalotaa sadarkaa biyyaalessaatti hojjetaman ifatti jalqabame

Ministirri Mgaalaa fibu'uura misoomaa sadarkaa biyyatti kan hojjetamu hojii qulqullina magaalaa fi misooma magariisaa mata duree ''magaalaa qulqulluu badhaadhina Itoophiyaaf'' jedhuun har'a ifatti jalqabameera.

Sagantaa jalqabsiisa sosochirratti Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti qindeessaa jiddugala ijaarsa dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraaha, Ministira magaalaa fi bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii dabalatee ministiroonni biroofi keessuummoonni biroon argamaniiru.

Ministirri Magaalaa fi bu'uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii wayita kana akka himanitti; sosochiin qulqullinaa fi misooma magariisaa magaaloota sadarkaa biyyaatti har'a jalqabame kun qaame sosochii Daandii qulqulluu jireenya fayya qabeessaa Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ifoomsaniiti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015