Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun salphinatti adeemurra dhaabbatee yaaduu barbaachisadha

Ebla 30/2016 (TOI) – Oromoon lagaan walqoodee wal ajjeesuun salphinatti adeemurra dhaabbatanii yaaduun barbaachisadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad.

Rakkoon Ummata Oromoo guddaan tokkummaa dhabuudha waan ta'eef Oromoon injifannoo aarsaa guddaan argame tikfachuuf, misooma waaressuuf tokkummaa isaa cimsuu qaba jedhaniiru.

Tokkummaan Oromoo tokkummaa Itoophiyaaf qoricha ta’uus himaniiru.

Aadaa fi duudhaa qabnutti deebinee marii fi marrabbaan rakkoo jiru furuun murteessaadhas jedhaniiru.

Kana booda injifannoo argame tikfachaa misooma waaressuu malee dhimmoota xixiqqoon wal ajjeesuu fi wal waraanuun dhaabbachuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015