Sirna Gadaa Ituu cimsuu fi bakkeewwan hawwata turizimii naannawwaa Odaa Bultum jiru misoomsuuf waliigalteen dandeesisu mallatteeffame

Ebla 30/2016(TOI) - Godina Harargee Lixaatti kan argamu jiddugala sirna Gadaa Ituu kan ta'e Odaa Bultum misooma turizimiif oolchuuf waliigalteen dandeesisu mallatteeffame.

Waliigaltee kanas Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Dhaabbata tola oolaa Kuraa Galaanitu waliif mallatteesse.

Haala waliigaltee kanaan naannawwaan Odaa Bultumitti hojiin misooma turizimiif oolaan kan hojjetamu yoo ta'u hojiin kunis kan hojjetamu waggaa lama keessaattidha jedhameera.

Hojii kanaan jiddugala Gadaa Ituu kan ta'e Odaan Bultum misoomee bakka gahumsa turiozimii filatamaa akka ta'u ni taasifama jedhameera.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu naannichaatti Aadaa fi Duudhaa jiru misoomsuu fi beeksisuun bakka gahumsa turizimii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannichatti ardaawwan jilaa jiran misoomsuun carraa hojii uumuu keessatti gahee isaanii akka banis hojjetama jirachuu aadde Jamiilaan himaniiru.

Haaluma kanaan ardaa jilaa fi jiddugala gadaa Ituu kan ta'e naannawwaa Odaa Bultumis misoomsuuf waliigalteen kun taasifamuu himaniiru.

Dhaabbata tola oolaa Kuraa galaanitti hoji geggeessaa kan ta'an Toofik Abdallaa godina Harargee Lixaatti kan argamu bakkeewwan hawwata turizimii naannawwaa Odaa Bultum jiran misoomsuuf walii galtee kana mallattesuu himaniiru.

Hojiin misooma kun karaa hirmaannan uummata itti mirkanaa'een kan hojjetamu ta'uu himanii hojiin kunis waggaa lama keessatti ni xumurama jedhaniiru.

Dabalaatan duudhaa sirna gadaa fi ijaarsa isaarratti hubannoon gahaan akka jiratu ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015