Haala jireenya Horsiise bulaa jijjiruun fayyadamaa misoomaa taasisuuf hojiin hojjetama jira jedhame

1142

Amajjii 14/2016 (TOI) - Haala jireenya Horsiise bulaa jijjiruun fayyadamaa misoomaa taasisuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu sadarkaa pirezidaantii naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastera baadiyyaa obbo Abduramaan Abdallaa beeksisan.

Sadarkaa Oromiyaatti guyyaan horsiise bulaa mata duree ''Misooma horsiise bulaa badhaadhina waloof'' jedhuun magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti kabajama jira.

Obbo Abduramaan Abdallaa wayita kana akka himanitti horisiise bultoonni guddina dinagdee biyyaa keenyaaf gahee guddaa kan qabanidha jedhaniiru.

Ta'uus garuu yeroo dheeraaf naannawwaa horiise bultootaatti misoomsi hawasummaa fi dinagdee waan hin hojjetamneef hawaasni horsiise bulaa rakkoo keessa akka turu taasiseerajedhaniiru.

Mootummaan naannichaa gaaffii horsiise bulaa yeroo dheeraa kan ta'e misooma jallisii fi bishaan dhugaatii, dhaabbilee barnootaa fi fayyaa, daandii fi bu'uuraalee misoomaa biroorratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.

Kanaanis haala jireenya horsiise bulaa jijjiruun misooma beelladaa cinaatti gara gariin horsiise bulaatti akka ce'u tattaaffiin taasifama jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015