Ummaanni nageenya, tokkummaa fi misooma irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba

Ebla 30/2016 (TOI) - Ummaanni nageenya, tokkummaa fi misooma irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hiriira deeggarsa mootummaa jijjiiramaaf hawaasni Godinaalee Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti gaggeessanirratti argamaniiru.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin uummanni nageenya, tokkummaa fi misoomarratti xiyyeeffatee akka hojjetu waamicha taasisaniiru.

Nageenyi bu'uura waan hundaa ta'uu eeranii; '' Namni keessa isaatti nagaa yoo ta'e biyyi nagaa yoo ta'e akka har'aa jalalaa fi miira obbolummaan wal argee mari'achuu ni danda'a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015