Sosochiin naannaawwaa dhaabbilee fayyaa qulqulluu uumuu ifatti jalqabame

Ebla 29/2016 (TOI) - Ministirri Fayyaa doktar Maqidas Dhaabbaan qaama '' Daandii Qulqulluu - jireenya fayya qabeessaa'' kan ta'e sosochii naannawwaa Dhaabbilee Fayyaa qulquluu taasisuu ifatti jalqabsiisan.

Sagantaa sosochii kanaas mata duree '' Itoophiyaa qulqulluu dhaabbilee fayyaa qulqulluu fayyaa guutuuf'' jedhuun geggeeffama jedhameera.

Sosochi kana ifatti kan jalqabsiisan Ministirri Fayyaa doktar Maqidas Dhaabaa dhaabbilee fayyaa fi naannawwaa dhaabbilee fayyaa qulquluu uumuun qaama sosochii ministira muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin kan ifoome ''Itoophiyaa qulqulluuti'' jedhaniiru.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Hospitaala 'Alert Comprehensive Specialized' fi Pheexiroositti hojiin qulqullinaa hojjetameera.

Sochiin hospitaalota lamaan keessatti eegalame dhaabbilee fayyaa biroottis kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015