Magaalichatti ayyaana Faaskaatti balaan homtuu osoo hin uumamiin nagan kabajameera

Ebla 28/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni Faaskaa balaan homtuu osoo hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiiniin Hoggansa balaa fi Ibiddaa magaalichaa beeksise.

Hawaasni ergaawwan ofeeggannoo duraa komishinichi kennaa ture hojiirra oolchuuf balaan tokko osoo hin mudatiin ayyaanichi waan kabajameef galateeffateera.

Komishiinichatti ogeessa dubbi himaa uummata kan ta'an obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii ayyaanichaatti balaa ibiddaa mudateen namni tokko kan du'erraa kan hafe balaa tasaa fi ibiddaa tokkolee akka hin mudanne TOT'tti himaniiru.

Guyyaa Sanbataa Kutaa magaalaa Boolee aanaa 12 naannawwaa Maariyaam Mazooraa jedhamee beekamutti jeneretara kaasuuf boba'aa itti naqaa kan ture hojjetaan hootelaa umuriin isaa 26 bala ibiddaa Jeneretaricharraa ka'een lubbuun daebuu himaniiru.

Saaxilamummaa guyyaa ayyaana balaa uumamuu danda'uun yoo madaalamu balaawwan kan hin uumamne ta'uu himaniiru.

Komishinichi ayyaanichaan dura bakka hawaasni bal'inaan argamutti hojii hubannoo uumuu hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Hawaasinis ergaa hubannoo uumuurratti kennameef kana hojiirra oolchuun ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamu gahee isaa bahuu danda'eera jedhaniiru.

Gara fuula duraattis ofeeggannoo kana caalaatti cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Balaan tasaa fi ibiddaa yoo mudate immoo bilbila bilisaa 939, bilbila kallattii 0111-55-53-00 ykn 0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun ni danda'ama jwdhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015