Itoophiyaan walitti bu'insa Sudaan keessa jiru karaa nagaa furuuf tattaaffii taasiftu deeggaruu cimsitee itti fufti

Ebla 30/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti bu'insa Sudaan keessa jiru karaa nagaa furuuf tattaaffii taasiftu deeggaruu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa eggata ministira dhimma alaa Sudaan Rippabilikii ambaasaaddar Huseen Awaad Alii Mahaammad waliin har'a waajjira isaanitti bari'ataniiru.

Qaamoleen lamaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaaniirratti mari'achuu isaanii ragaan Ministeericharra argame ni mul'isa.

Marii kanarratti ambaasaddar Misgaanuu Araggaa hanga ammatti hojii Itoophiyaan walitti bu'insa Sudaan keessa jiru karaa nagaa furuuf deeggarsa taasistee yaadachiisanii; hojiin kun gara fuula duraatti cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Dabalataan Itoophiyaan nagaan waaraan hunda hammate Sudaan keessa akka jiraatuuf abbummaa Sudaanootaanii fi dursummaa isaaniin taasifamuu qaba ejjennoo jedhu akka qabu beeksisaniiru.

Rippabilika Sudaanitti eeggataan Ministira Dhimma Alaa ambaasaddar Mhaammad Huseen gama isaaniin hojii Itoophiyaan nagaa waaraan Sudaan keessa akka jiraatuuf taasisaa jirtu dinqisiifatanii; gahee ishee walitti dhufeenya obbolummaa fi seena qabeessaa irratti hundaa'uun deeggarsa taasisaa jirtu cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015