Saayinsii fi Teeknooloojii - ENA Afaan Oromoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhaabbileen buuura misoomaa ijoon nageenya Saayibarii eegsisuun hojiisaanii muummee taasisuu qabu-doktar Abrahaam Balaayi
Oct 23, 2023 205
Onkoloolessa 12/2016 (TOI) - Dhaabbileen buuura misoomaa ijoon Itiyoophiyaa nageenya Saayibarii eegsisuun akkuma ergamasaanii idilee hojiisaanii muummee taasisuu akka qaban doktar Abrahaam Balaayi ibsan. Baatiin nageenya Saayibarii biyyaalessaa afraffaan mata duree “dandeettiin saayibarii cimaan birmadummaa biyyaaf” jedhuun sagantaalee addaddaatiin kabajamuu erga jalqabee guyyaa 12ffaa qabateera. Ministirri Ittisaa doktar Abraham Balaayi, de’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii, daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Salamoon Sokkaa dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo kanneen biroo bakka argamanitti egzibiishiniin nageenya Saayibarii guyyaa har’aa banameera. Egzibiishinii kana malees mareen paanaalii hoteela Giyoonitti taa’amaa jira. Ministirri Ittisaa doktar Abrahaam Balaayi wayita kana akka ibsanitti, haala qabatamaa addunyaa amma jiriuun teeknooloojiin Saayibarii dandeettii biyyoonni ittiin dorgoman ta’eera. Nageenya Saayibarii Itiyoophiyaatti eegsisuun milkaa’ina misoomaa, nageenyaa fi shoora akka qabaatu hubachuun karoora misoomaa waggaa kudhaniirratti qooda olaanaa akka qabaatu taasifamuusaa ibsaniiru. Dijitaala 2015 2025 dhugoomsuuf fayyadama teeknooloojii guddisuuf nageenya Saayibarriin alatti guutuu hinta’u jedhaniiru. Yakki Saayibarii addunyaarratti yaddoo biyyootaa kan jalqabaa ta’uu kan ibsan doktar Abrahaam, Itiyoophiyaatti cehumsa dijitaalaa saffisiisuuf gufuu ta’uusaanii ibsaniiru. Kanaaf dhaabbileen bu’ura misoomaa ijoo nageenya Saayibarii eegsisuuf akkuma ergamasaanii idilee nageenya Saayibarii hojiisaanii ijoo taasisuu akka qabaatan ibsaniiru. Dirreen nageenya Saayibarii dandeettii addaa fi kennaa waan gaafatuuf dargaggoota hojii kalaqaa hojjetan jajjabeessuun egeree biyya keenyaa ifa gochuutu barbaachisa jedhaniiru. Daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo gamasaaniin babal’achuu itti fayyadama teeknooloojiin walqabatee ammii fi akaakuun haleellaa Saayibarii dabalaa dhufuusaa ibsaniiru. Fakkeenyaaf bara bajataa 2008 haleellaan Saayibarii Itiyoophiyaarratti aggaamame 214 qoa yemmuu ta’u, bara 2014 haleellaan kun kuma 8 fi 845 gahuusaa eeraniiru. Kanaaf addunyaa Saayibarii walxaxaa fi tilmaamuun hindanda’amne keessatti haleellaa Saayibarii ittisuuf lammiilee fi dhaabbileef dammaqiinsa nageenya Saayibarii bal’aa uumuun nibarbaachisa jedhaniiru. Kaayoon olaanaa baatiin nageenya Saayibarii biyyaalessaa lammiileef hubannoo uumuu ta’uu ibsanii, qophii yaaddoo birmadummaa dijitaalaa haala qabatamaa addunyaa hir’isuuf dandeessisu yaada keessa galche gochuutu barbaachisa jedhaniiru. Haleellaa bu’uraalee misoomaa ijoorratti aggaammatu birmadummaa biyyaa fi faayidaa biyyaalessaaf yaaddoo waan ta’eef abbummaa teeknooloojii ijaaruun sirrii ta’uu ibsaniiru.
Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaa mirkaneessuuf Afriikaanonni waliin hojjechuu qabu
Oct 3, 2023 388
Fulbaana 22/2016(TOI)- Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaa mirkaneessuuf Afriikaanonni waliin hojjechuu akka qaban ibsame. Yaa’iin ardii Afriikaa gamtaa telekoomii idil addunyaa Mata duree “egeree fi haqa qabeessa boruuf, hojiirra oolmaa misooma egeree Afriikaa si’achiisuu” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira. Yaa’iin kun haala tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaatti fiduu fi galmoota misooma egeree milkeessuun danda’amurratti mari’achaa jira. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii, Afriikaan ardii dargaggoonni harka 70 keessa jiraatan waan ta’eef cehumsa dijitaalaa fiduuf carraa gaarii akka uumu dubbataniiru. Afriikaatti harki 43 qofatu intarneetii qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun, lammiilee fayyadamaa dinagdee dijitaalaa gochuuf ijaarsa bu’ura misoomaa fi ogummaa dijitaalaa irratti hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Gamtaan telekoomii idil addunyaatti daarektarri biiroo misooma telekomunikeeshinii Koosmaas Zaavaazaavaa tiraanisfoormeeshiniin dijitaalaa guddina waliigalaaf murteessaa waan ta’eef afriikaatti bu’ura misoomaa intarneetii diriirsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun akka barbaachisu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Komunikeeshinii Itiyoophiyaa Injiinar Baalchaa Reebaa gamasaaniin, Afriikaa boruuf Afriikaanonni waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin ardii Afriikaa gamtaa telekoomii idil addunyaa amma Fulbaana 24/2016tti kan ittiu fufu yemmuu ta’u hojiiwwan Itiyoophiyaan damee kana fooyyessuuf hojjette Ibsameera.
Yaa'iin Gamtaan Telekoom Idil-addunyaa sadrkaa aardiitti bor irraa jalqabee Finfineetti ni geggeeffama jedhame.
Oct 2, 2023 335
Yaa'iin Gamtaan Telekoom Idil-addunyaa sadrkaa aardiitti bor irraa jalqabee Finfineetti ni geggeeffama jedhame. Fulbaana 21/2016 (TOI): Yaa'iin Gamtaa Telekoom idil addunyaa fulbaana 22-24/2016tti magaalaa Finfinneetti ni taa'ama jedhame. Yaa'icha kan qopheessee gamtichaafi ministeera Innoveeshiniifi tekinolojii yoo ta'u mata duree "Raawwii galmoota misooma itti fufiinsa qabu Afrikaatti ce'umsa dijitaalaatiin saffisiisuun egeree itti fufiinsa qabuufii haqa qabeessa" jedhuun geggeeffama jedhameera. Ministeerri Innoveeshiniifi Tekinolojii ibsa TOI'f ergeen yaa'ichaan Afrikaatti ce'umsi dijitaalaa akkamitti fiduun akka danda'amufi galmoota misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf gahee inni qaburratti ni mariyatama. Dhaqqabummaa sadarkaa idil-addunyaatti teeknooloojiin dijitaalaa qabuu, raawwii hojii pirojektoota walitti hidhamiinsa dijitaalaa Afrikaa keessatti raawwatamaa jiranii fi dhimmoota kanaan walqabatan biroo irrattis ni mari’atamuu jedhameera. Yaa'icharratti Ministiroonni biyyoota Afrikaa miseensa gamtichaa, bakka bu’oonni dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi deeggartoota misoomaa, akkasumas qooda fudhattoonni damichaa biroo yaa'ii kanarratti akka hirmaatan ibseera. Gamtaan Telekoom Idil-addunyaa dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa tokko yoo ta’u, bara 1865 hundeeffame. Waajjirri muummee isaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti kan argamu yoo ta'u Gamtaan irra caalaa teeknooloojiiwwan odeeffannoo fi qunnamtii irratti xiyyeeffachuun addunyaa walitti hidhuuf galma qabatee hojjechaa jira. Gamtichi Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa isaa ta'an 193 qaba
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’atan
Sep 21, 2023 472
Fulbaana 10/2016 (TOI) - Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’ataniiru. Mariin kun haala maayikiroosooftii fi Itiyoophiyaan waliin hojjchuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha. Ministirichi yaalii babal’ina teeknooloojii, tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa akkasumas dargaggoota beekumsa dijitaalaan cimsuuf Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru hooggantootaaf ibsaniiru. Itiyoophiyaan hubannoowwan namtolchee guddisuuf hojii hojjechaa jirtu kan ibsan yemmuu ta’u, kun ammoo hojii kaampaanicha waliin tumsaan hojjetamu keessaa damee tokko akka ta’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa dijitaalaa babal’isuuf keessumaa tajaajila kilaawudii, jiddugaleessa deetaa fi bu’aalee teeknooloojii dijitaalaa biroo maayikiroosooftii waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru. Kaampaanichi alaqa hojii teeknooloojiirratti jalqabdoota jajjabeessuuf maallaqqan, leenjii fi galteewwan barbaachisan dhiheessuun haala Itiyoophiyaa itti gargaaruu danda’urratti ibsa kennaniiru. Hooggantoonni kaampaanii Maayikiroosooftii gamasaaniin, tajaajila teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa, qonnaa fi akkasumas dameelee biroof kennu ammayyeessuuf yaalii taasifamu deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru. Kana malees sagantaa teeknooloojii dijitaalaa Afriikaatti babal’isuuf Itiyoophiyaa akka filmaataatti fayyadamuuf fedhii akka qabu hooggantoonni kunneen ibsaniiru.
Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jira.
Sep 7, 2023 899
Qaammee 2/2015 (TOI) - Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu deetaan Ministira Geejibaafi Loojistikii obbo Dhengee Boruu beeksisan. Itoophiyaatti Agarsiifni jalqabaa Innooveeshinii Aviyeeshinii baatii Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 13 -17/2016tti Finfinnee golambaa Saayinsiitti ni taasifama. Ministeerri Geejibaafi Lojiistikiifi Abbaan Taayitaa Sivilaaveeshinii Aveeshinii Itoophiyaa agarsiisa kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Agarsiifni kun ''Innoveeshinii Aviiyeshinii dorgomaa ta'e'' jedhuun kan geggeeffamu ta'uu ibsameera. Deetaan Ministira Geejibaafi Lojiistikii obbo Dhengee Boruu wayita ibsa kenneen akka himanitti Itoophiyaan damee Aviyeeshiniin milkaa'ina guddaa gonfachaa jirti. Mikaa'ina kana caalaatti guddisuun gara fooyya'insa olaanaatti ceesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaa waaggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarekatarri olaanaa Aviyeeshinii Itoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistuu gama isaaniin kaayyoon agarsiisa qophaa'uuf jiru ogeeyyii hojii kalaqaa Aviyeeshinii irratti bobba'aniifi qaamolee adda addaaf beekamtii kennuu, deeggaruufi jajjabeessuu tekinolojiin Aviyeeshiniifi Innoveeshinii akka babbal'atu taasisuudha jedhaniiru. Dameen Aviyeeshinii bala'aafi baay'ee ta'uu himanii, Itoophiyaan geejiba qilleensarraan milkaa'ina qabdu damee biroo irratti babal'isuufi sadarkaa idil addunyaatti dargamtuu akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti Daandii Qileensaarraa, Oomishistoota Xiyyaaraafi tekinolojii Aviyeeshinii biroo, Dhaabbtilee tajaajila Aviyeeshiniirratti hirmaatan kan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee mootummaafi motummaa qamni ilaallatu akka irratti hirmaatan himaniiru. Kanneen hojii kalaqaa adda addaa of harkaa qaban ogeeyyiin hedduus agarsiisa kanarratti kan hirmaatan ta'uun himameera. Agarsiifini kun qindoomina abbaa taayitaa Aviyeeshii Itoophiyaa, Ministeera Geejibaafi Loojistikii, Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Hunda qilleensaa Itoophiyaa, Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaaleessaa, Instiitituyuutii Intalajensii Artifashaalii Biyyaaleessaafi Instiitiyutii Ji'oo ispeeshaalii Saayinsii Hawaan kan qopha'uu ta'uu himaniiru.
Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu qabu-Ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii
Sep 2, 2023 588
Hagayya 27/2015 (ኢዜአ) ፡- Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojiiibse. Waltajjiin xumuraa mirkaneessa raawwi hojii yeroo walakkaa tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 adeemsifameera. Waltajjii dhaabbileen mootummaa dhimmi ilaalu itti hirmaatanirratti hojiileen akka hojjetaman tarsiimoon kaa’aman eessa akka gahan odeeffannoo sassaabuu fi hojiin mirkaneessuu hojjetamuunsaa ibsameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fiteeknooloojii Huuriyaa Alii akka ibsanitti, Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi fi dameen dhuunfaa tumsaa fi qindoominaan hojjechuutu irraa eegama. Hojii hunda keessatti odeeffannoon hatattamaan akka darbuu fi walhubachuun jiraachuu qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun fuuldura odeeffannoon cuunfamee fi mirkanaa’e ummataaf akka ifoomu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’iusa. Qonni, Tuurizimiin, industiriiwwan oomishaa idil addunyaa keessa galan tajaajiloonni infoormeeshinii fi komunikeeshinii keessa galan tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025’n dameelee dursi kennameef ta’uun himameera. Bu’ura misoomaa ijaaruun, haalota dandeessisan, appilikeeshinii dijitaalaa fi dirree dijitaalaa uumuun utubaa tarsiimoo kanaa yemmuu ta’an, dhaabbileen kanneen diriirsuuf qabeenyaa qusachuun fi waliiqooduun hojjechuu akka qaban eerameera.
Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Qophii Kana Xieeffannaa Keessa Galche Gochuu Qabu-Ministeera Inniveeshinii fi Teeknooloojii
Aug 30, 2023 587
Hagayya 24/2015 (TOI)- Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Kana Xieeffannaa Keessa Galchuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduuf hojjechuu qabu jedhan De’eetaan Ministiraa Inniveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii. Mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaa fi qooda dubartootaa” jedhuun waltajjiin hooggantoota dubartootaa naannawa Itiyoophiyaa hindaarraa walitti babahan irratti hirmaatan magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Waltajjichi imala dijitaalaa Itiyoophiyaa fi qooda dubartootaa, addunyaa dijitaalaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, qoodama dijitaalaa (digital divide) saayibarii rakkisuu fi abbaa irrummaa (cyberbullying) ittisuu jedhanirratti kan xiyyeeffatedha. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii waltajjicharratti akka jedhanitti addunyaan hojmaata dijitaalaatti gala waan jiruuf hooggantoonni dubartoonni qophii kanarratti xiyyeeffate gochuun ofis biyyasaaniis fayyadamaa taasisuuf hojjechuu qabu jedhan. Qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa akka qaban de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru. Qoodmaan dijitaalaa saalaan, Umuriin, naannawaa fi meeshaalee itti fayyadamaniin akka mul’atu ibsanii, qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa kan jirtu yemmuu ta’u, qoodmaa dijitaalaa bifa addaddaan mul’atu dhiphisuun fayyadama walqixaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru himameera.
Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti gamoowwan jiddugaleessa aanaa Smaart fi kolleejiin ogummaa pooliiteekniikaa Misiraaq eebbifaman
Aug 24, 2023 832
Hagayya 18/2015 (TOI)- Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataa aanaa 8tti kan ijaaraman gamoowwan jiddugaleessa aanaa Smaart fi kolleejiin ogummaa pooliiteekniikaa Misiraaq eebbifamaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee jiddugaleessichii fi gamoon kolliijichaa eebbifamanii tajaajilaaf banamuusaanii fuula hawaasummaasaaniirratti ibsaniiru. Jiddugaleessichi bu’uurri misoomaa infoormeeshiin teeknooloojii kan diriirfamee fi hojjettootaa fi tajaajilamtootaaf mijataadha jedhanii, tajaajila kennamu dijitaalawaa taasisuun si’ataa fi qaqqabaa taasisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Bara 2016 ijaarsi jiddugaleessa aanaa Smaartii 11 akka jalqabamu eeraniiru.
Dubartoota, Qaama miidhamtootafi Horsiise bultoota dinagdee dijitaalaa keessatti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira.
Aug 19, 2023 583
Dubartoota, Qaama miidhamtootafi Horsiise bultoota dinagdee dijitaalaa keessatti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira. Hagayya 13/2015 (TOI)-Dubartoota, Qaama miidhamtootafi Horsiise bultoota dinagdee dijitaalaa keessatti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Deetaan Ministira Innooveshiniifi tekinolojii Hurriyaa beeksisan. Hojiiwwaan Pirojeektii Faawundeeshiinii Dijitaalaa jalatti argaman keessa tokko kan ta'e hojii daldala dijitaalaa irratti kanneen bobba'aniifi ogeeyyoota hojii uumtoota haaraa ta'aniif deeggarsa taasisuun gara hojiitti galeera. Deeggarsi kun dubartoota, qaama miidhamtoota,Qonnaan bultootafi horsiise bultoota fayyadamoo taasisuun hirmaanna hunda galeessa dinagdee dijitaalaa keessatti akka qabaatan gochuu kan kayyeeffatedha jedhameera. Deetaan ministiria Innoveeshiniifi Tekinolojii Hurriyaa Alii dinagdee dijitaala hunda galeessa ijaaruuf mootummaan damee adda addarratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Pirojeektiin Faawundeeshinii Dijitaalaa, dubartoota, qaama miidhamtoota, qonnaan bultootafi horsiise bultoota fayyadamo kan taasisan hojii dinadee dijitaala kuma 6fi 500 uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Dameen kun dinagdee dijitaalaaf bu'uura kan kaa'ufi kallattinis ta'ee al kallattiin hojii dinagdee dijitaalaa uumuu kanneen danda'an ogeeyyoota hoji uumtoota haaraafi daldalaa karaa ittiin deeggarsi taasifamuuf ta'uu odeeffannoon Ministeera Innooveshiniifi tekinolojiirra argame ni mul'isa.
Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi hooggantoonni mootummaa olaanoo agarsiisa Bishaanii fi Inarjii mata duree ”Qabeenyi bishaanii keenya badhaadhina keenyaaf” jedhuun qophaa’e daawwatan
Aug 19, 2023 447
Hagayya 13/2015(TOI) - Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi hooggantoonni mootummaa olaanoo agarsiisa Bishaanii fi Inarjii Godambaa Saayinsiitti mata duree ”Qabeenyi bishaanii keenya badhaadhina keenyaaf” jedhuun qophaa’e daawwataniiru. Agarsiifni kun kaleessa galgala ministirri muummee Abiyyi Ahimad fi pirezidaantiin Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Nahiyaan eebisanii banuunsaanii nibeekama. Guyyaa har’aa mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabduun koree dhaabbataa Bishaan, jallisii fi dhimmoota naannawa gammoojjii Fatiyaa Ahimad fi miseensonni biroon, ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa dabalatee ministeerichatti de’eetaan ministirootaa bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii, bulchiinsa qabenya bishaanii, damee misooma Inarjii fi hooggantoonni olaanoo dhaabbilee itti waamamaasaa agarsiisa kana daawwataniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa wayita kana akka ibsanitti, qabeenyaa uumamaa guddaa Itiyoophiyaan qabdu keessaa bishaan dusrarratti argama. Agarsiifni Bishaanii fi Inarjii godambaa Saayinsiitti qophaa’e lammiileen hojiilee misoomaa damee Kanaan hojjetamaa jiru akka ilaalan yaadamee akka ta’e dubbataniiru. Agarsiifni kun karaa dhaabbatichaa fi dhaabbilee ittiwaamamtoota isaa hidha haaromsaa guddicha dabalatee hojiilee misoomaa Bishaanii fi Inarjii karaa saayinsaawaa daawwannaaf dhihaachuu kaasaniiru. Agarsiifni kun Itiyoophiyaan qabeenya Bishaanii fi Inarjii qabdu fi dandeettiishee agarsiisuuf yaadamee kan qophaa’ee fi guyyoota 30 ittiaananiif banaa ta’ee akka turu ibsameera.
Tajaajilli mirkaneessaa fi galmee Sanadootaa waliigaltee kafaltii karaa dijitaalaa raawwachuu dandeessisu baankii daldalaa waliin mallatteesse
Aug 18, 2023 526
Hagayya 12/2015 (TOI) - Tajaajilli mirkaneessaa fi galmee Sanadootaa waliigaltee kafaltiiwwan hunda karaa dijitaalaa raawwachuu dandeessisu baankii daldalaa waliin mallatteesseera. Daarektarri olaanaa tajaajila mirkaneessaa fi galmee sanadootaa obbo Daagattoo Kumbee fi baankii daldalaa Itiyoophiyaatti itti aanaa pirezidaantii baankii dijitaalaa obbo Daahilaak Yiggazuu ti. Daarektarri olaanaa tajaajila mirkaneessaa fi galmee sanadootaa obbo Daagattoo Kumbee wayita kana akka jedhanitti, waliigalteen kun dhaabbatichis ta’e maamiltoonni filmaata dijitaalaa Baankichaatti fayyadamuun kafaltii raawwachuuf isaan dandeessisa. Kunis ammoo yeroo fi dadhabbii maamiltootaa qusachuuf nidandeessisa jedhaniiru. Itti fufuunis tajaajilamtoonni gara dhaabbatasaanii dhufan kafaltiiwwan tajaajilaa har’arraa kaasee raawwatan filmaata dijitaalaa Baankichaatti fayyadamuu akka danda’an dubbataniiru. Baankii daldalaa Itiyoophiyaatti itti aanaan pirezidaantii baankii dijitaalaa obbo Daahilaak Yiggazuu gamasaaniin, maamiltoonni baankichaa hundi karaa ‘CBE’ birrii fi moobaayil baankiingii akkasumas dameewwan baankichaa hundatti yeroo gabaabaa keessatti kafaltiiwwan tajaajilaa akka raawwatan akka dandeessisu ibsaniiru.
Poortaalii Biizinasii Biyyaalessaa Magaalaa Adaamaatti babal’isuuf jalqabamuun ibsame
Aug 18, 2023 460
Hagayya 12/2015 (TOI) - Qaama karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Itiyoophiyaa kan ta’e sagantaan hojiirra oolmaa pirojektii si’aayina hojii daldalaa magaalaa Adaamaatti adeemsifamuusaa ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii ibse. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii sagantaa jalqabsiisaarratti akka ibsanitti, poortaaliin biizinasii biyyaalessaa tajaajilli mootummaan kennu salphaa fi si’ataa taasisuun alatti sadarkaa idil addunyaa Itiyoophiyaan si’aayina hojii daldalaan qabdu guddisuuf nigargaara. Poortaaliin Biizinasii kun osoo addaan hinciccitiin tajaajila akka kennu bulchiinsi magaalaa Adaamaa xiyyeeffatee akka hojjetu hubachiisaniiru. Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu jaldee gamasaaniin pirojektiin poortaalii biyyaalessaa tajaajiloota dijitaalaa “Dijitaal Adaamaa’ jechuun magaalattiitti jalqabaman si’achiisuun jiraattonni magaalattii tajaajiloota mootummaa karaa salphaa fi si’aayinaan akka argatan nidandeessisa jedhan. Pirojektiin si’aayina hojii daldalaa lammiileen dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaatti karaa oonlaayinii tajaajila akka argatan nitaasisa. Pirojektiin deeggarsa maallaqaa gamtaa Awurooppaan hojeeffamu kun magaalota Itiyoophiyaa filataman keessatti akka itti fufu odeeffannoon ministeericharraa arganne nimul’isa.
Dargaggoota dameelee addaddaan yaada kalaqaa qabaniif leenjiin kennamuu jalqabe
Aug 15, 2023 451
Hagayya 09/2015 (TOI) – ministeerri hojii fi dandeettii inistiitiyuutii leenjii teekniikaa fi ogummaa RDFI waliin ta’uun dargaggoota dameelee addaddaan yaada kalaqaa qabaniif leenjiin kennamuu jalqabe. Leenjiin kun mata duree “Samar Kaampiin fooyya’iinsa teeknooloojii fi kalaqaaf” jedhuun akka kennamu beekameera. Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil leenjii kana ifatti jalqabsiisaniiru. Dargaggoonni dameelee qonnaa, tajaajilaa, maanuufaakchariingiin yaada kalaqaa faayidaa olaanu biyyaaf qabu qaban 500 ol baatii lamaan itti aananiif nihirmaatu. Ulaagaa dargaggoota fo’achuuf oolan yaanni kalaqasaanii rakkoo hiikuu danda’uusaa, oomisha biyya alaarraa galu bakka bu’uu kan danda’u ta’uu akka ta’e ibsameera. Dargaggoonni turtii leenjii baatii lamaatiin yaada kalaqasaanii hojiitti hiikuu haala itti danda’an, tajaajila leenjii fi gorsaa akka argatan sirna baniinsaarratti ibsameera.
Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa sanyii midhaanii haaraa 4 argachuu beeksise.
Aug 11, 2023 463
Hagayya 5/2015 (TOI) - Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa sanyii midhaaniifi dheedhii haaraafi fooyya'an 4 argachuu beeksise. Sanyiin midhaanii haaraan argaman kun sanyii midhaanii kanaan dura turan caalaa dhukkuba damdamachuu kan danda'aniifi oomishinni irraa argamus kan kanaan duraa caalaa harka 35 caalmaa kan qabu ta'uu beeksiseera. Sanyiin haaraan jiddugalaan argaman kunis Qamadii daabboo ta'u, sanyii Garbuu gosa adda addaafi sanyii Raafuudha jedhameera. Jiddugalichatti qindeessaan garee qorannoo sanyii midhaan dheedhiifi zayitaa obbo Taaddalaa Taaddasaa akka beeksisaniitti, sanyii midhaanii garee qoranichaan fooyyeffaman kana baasuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru. Sanyiin Raafuu amma jiddugalichaa qorannoon bahe lafa heektaara tokko irraa callaa kumtaala 19 oomishuu kan dandeesisu yoo ta'u sanyii Abiroot Shaayyaa jedhamu caalaa oomisha harka 25 hanga 31 caalmaa oomisha kan kennudha jedhaniiru. Sanyiin Raafuu kun aramaa to'achuuf humna kan qabu yoo ta'u, midhaan jijjjiranii lafarra yeroo facaafamu keessatti dhukkuba Qamadii ittisuuf gahee olaanaa kan qabudha jedha jedhameera. Gareen qorannichaa kan bara kanaa dabalatee sanyii midhaanii gosa adda addaa 35 kan haala qilleensa baddaafi gammoojjitti ta'an qorannoon bu'a qabeesuummaa isaanii mirkaneessee baaseera.
Waaltaa miidiyaa fi komunikeeshiniin moggaasaa fi loogoo haaraa ifoomse
Aug 7, 2023 492
Hagayya 01/2015 (TOI) –Korporeetiin komunikeeshinii Addis Waaltaa Itiyoophiyaa gama beeksisuutiin itti gaafatama biyyaa irraa eegamu bahuu akka qabu de’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa adde Salaamaawiit Kaasaa dubbatan. Korporeetiin miidiyaa fi komunikeeshinii Addis Waaltaa sirna moggaasaa fi loogoo beeksisuu adeemsiseera. Miseensi boordii dhaabbatichaa fi de’eetaan miniatiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa adde Salaamaawiit Kaasaa akka ibsanitti, dhaabbatichi duudhaa hawaasaa gama beeksisuutiin dokimatarii fi sagantaawwan hojjechuun ittigaafatama biyyaa bahachaa tureera. Dhaabbatichi hojiiwwan Kanaan dura gumaacheen Itiyoophiyaanonni akka walbeekan gochuun qooda olaanaa bahuusaa dubbataniiru. Hojiileen dhaabbatichi hojjetu Itiyoophiyaarra darbee sadarkaa Afriikaa fi addunyaatti biyya kan beeksisanta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Ittigaafatama kana bahuuf qabiyyeewwan haaraatiin bifa haaraan as bahuunsaa gaarii ta’uu ibsanii, humna namaa gurmeessuu fi gahoomsuurratti hojjechuu akka qabu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru. “Addis Waaltaan fuuladura bu’a qabeessa ta’uuf hanqinoota Kanaan dura qabu adda baasee hojjechuurratti hojii manaa qaba” jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeetii miidiyaa fi komunikeeshinii Addis Waaltaa obbo Mahaammad Hasan gamasaaniin wayita amma biyyi qormaata hedduu keesa darbaa waan jirtuuf qoonni miidiyaalee guddachuu qaba jedhaniiru. Addis Waaltaan qooda irraa eegamu bahuuf qophaa’eera jedhan. Kana gochuuf qabiyyeewwan Kanaan dura itti fayyadamaa ture dabalataan qabiyyeewwan haaraa qabatee as baheera jedhaniiru.
Magaalichatti lammiilee miiliyoona 1.3'f waraqaan eenyummaa diijitaalaa kennamera
Aug 3, 2023 716
Adoolessa 27/2015 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaan eenyummaa diijitaalaa kennamuu Ejensiin Tajaajila Galmeessa Siivilii fi jiraattootaa beeksiise. Ejensichi guyyaa hundeeffama isaa waggaa 80ffaa agarsiisa suuraa fi marii paanaaliitiin kabajeera. Sirna kabajaa kanarratti kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru. Waggootaan sadan darban keessa hojmaata isaa ammayyeessuun lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaa eenyummaa diijitaalaa laachuu isaa daayrektarri olaanaan Ejansichaa Obbo Yoonaas Alamayyoo ibsaniiru. Ejansichi Yeroo ammaatti tajaajila isaa sadarkaa aanaa hundaatti qaqqabamaa taasiisuu kaasaniiru. Ejensichi yeroo itti aanus hojimaata isaa caalmaatti ammayyeessuun tajaajila gahumsa qabu hawaasaaf kennuuf hojii haaromsa dhaabbatummaa fi haala hojii mijataa uumuu
Biyyoonni Afrikaa dhaabbilee Itoophiyaarraa tajaajila akridiiteeshinii argachuu fi qindoominaan hojjechuuf gaafachaa jiru jedhame.
Aug 3, 2023 616
Adoolessa 27/2015(TOI) - Tajaajilli Akridiiteeshinii Itoophiyaa, bara 2003 kan hundaa’e yemmuu ta’u, bara 2008’tti laabiraatoorii yaalaa fi sakatta’insaan sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argateera. Daarektarri Olaantuu Tajaajila Akridiiteeshinii Itoophiyaa aadde Masarat Tasammaa, Itoophiyaan ji’a fulbaanaa dhufutti oomishaa fi laabiraatoorii ‘Calibration’tiin beekamtii Akridiiteeshinii ni argatti jedhamee eegama jedhan. Kunimmoo Itoophiyaarra darbee biyyoota ollaaf tajaajila kan kennuu kan dandeessisu ta’as jedhaniiru. Dabalataanis, tajaajilichi kanaan dura damee beekamtii argate yaala, Inispeekshinii, Sertifikeeshinii fi Siistama Sertifikeeshiniitiin raawwiin isaa qoratamee beekamtiin isaa akka itti fufu taasisameeras jedhan aadde Masarat. Biyyoonni Afrikaa dhaabbilee Itiyoophiyaarraa tajaajila akridiiteeshinii argachuu fi qindoominaan hojjechuuf fedhii agarsiisaa jiraachuus himaniiru.
Qaawwa qaqqabiinsa Intarneetii biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran jidduu jiru guutuun ajandaa duri kennamuuf ta’uu qaba- de’eetaa ministiraa Huuriyaa Alii
Jul 18, 2023 608
Adoolessa 11/2015(TOI)- Qaawwa qaqqabiinsa Intarneetii biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran jidduu jiru guutuun ajandaa duri kennamuuf ta’uu aka qabu de’eetaa ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Aliiibsan. Mariin yaa’ii bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa 18ffaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Onkoloolessa 2023 Jaappaan Tookiyootti adeemsifamu ilaalchisuun Siwiizarlaand Jenevitti taa’ameera. Hooggantoonni mootummootaa olaanoon marii kanarratti hirmaatan ajandaalee yaa’iin kun irratti xiyyeeffachuu qaburratti mari’achuusaanii beeksisaniiru. Miseensi hooggantoota olaanoo yaa’ii bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa fi de’eetaan ministira Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii hanqinni qaqqabiinsa Intarneetii, bu’uura misoomaa fi meeshaalee itti fayyadama dijitaalaa biyyoota guddachaa jiranii ajandaalee marii kanaa ta’uu akka qabu ibsaniiru. Guddina dinagdee biyyootaaf teeknooloojiin dijitaalaa qooda olaanaa qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun kana galmaan gahuuf hawaasa dijitaalaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa haala cimuu itti danda’uu fi dhaabbilee addaddaa waliin hojjechuu danda’urratti hooggantoonni olaanoo yaa’ichaa mari’ataniiru.
Saayinsii 'baayooteknooloojii' hawaasa biratti caalmaatti akka beekamu hojii miidiyaa fi komunikeeshiniin deeggaramu akka qabu himame
Jul 13, 2023 597
Adoolessa 06/2015 (TOI) - Hojimaataa fi tajaajilli saayinsii 'baayooteknooloojii' hawaasa biratti caalmatti akka beekamu hojii miidiyaa fi komunikeeshiniin deeggaramuu akka qabu himame. Giddu galli Qorannoo Baayooteknooloojii biyyaalessaa Yunivarsiitii madda Walaabuu waliin qindoomuun leenjii hubannoo qorattoota, ogeessota miidiyaa fi komunikeeshiniitiif qooda fudhattoota gara garaatiif kennee jira. Saganticharratti kan argaman daareektarri Giddugala Qorannoo Baayooteknooloojii biyyaalessaa doktor Lataa Tulluu akka jedhanitti, saayinsiin baayooteeknooloojii seektara qonnaa, fayyaafii kanneen biroo hammayyeessuu keessatti qooda ol'aanaa kan qabu ta'uu dubbatan. Hojimaanni baayoteeknooloojii bu'aa hedduu qabaatus hanqina odeeffannoo irraa kan ka’e hawaasa biratti hedduu akka hin beekamne himan. Giddugalichi maalummaa fi bu'aan saayinsii hawaasa biratti caalmaan akka beekamuuf hojii miidiyaa fi komunikeeshiniitiin deeggaruuf hojjachaa jiraachuu himan. Leenjiin hubannoo qooda fudhattoota baayooteeknooloojii gara garaaf kennames agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu doktor Ahmad Kaliil gama isaaniitiin, Yunivarsiitichi sirna baruu fi barsiisuu geggessuun cinaatti hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa bu'ura godhatan irratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu dubbatan. Keessattuu qonnaan bulaan qonna baratamaarraa gara makaanaayzeshiniitti akka cehuuf deeggarsa taasisaa jiraachuus dubbatan. Milkaahina karoora hojii kanaatiif qindoominni giddugaloota akka baayooteeknooloojii tumsa ol'aana qabas jedhan. Ittaanaan Pirezidaantii dhimmoota akkaadaamii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsitichaa doktor Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniitiin Yunivarsiitichi qonnaan bultoota godinoota Baalee lamaanii fi Arsii Lixaa hojimaata kilaastaraatiin gurmaahan galteelee qonnaatiin deeggaraa jiraachuu kaasan. Qindoominni hojii giddugala baayooteeknooloojii hojii caalmaa qabu hojjachuuf humna jabaa ta'uu dubbatan. Qooda fudhattoonni leenjicharratti argaman gama isaaniitiin leenjiin hubannoo maalummaa saayiinsii baayooteknooloojii, gabaasa saayinsii irratti argatan humna dabalataa ta'uu kaasan.
Mallattoon waliigaltee qophii duraa Itiyoophiyaatti pirojektii Smaart siitii jalqabsiisuuf dandeessisu adeemsifame
Jul 12, 2023 691
Adoolessa 05/2015(TOI)- Mallattoon waliigaltee qophii duraa Itiyoophiyaatti pirojektii Smaart siitii jalqabsiisuuf dandeessisu adeemsifameera. Ministeerri magaalaa fi bu’uura misoomaa Konsertiiyeem pirojektii rippaabiliikii Kooriyaa fi deeggaraa biyya keessaa pirojektii ijaarsa Smaart siitii Iikoo-magariisaa qindeessu dhaabbata Ageree jedhamu waliin mallattoo haal duree gamsadee walii mallatteessaniiru. Sanadi waliigaltee kun tumsa dhaabbata mootummoota gamtoomanii deeggarsa teekniikaa biyyoota guddachaa jiranniirratti kan xiyyeeffate ta’uun beekameera. Waliigaltichi dhimmoota deeggarsa dinagdee hundagaleessaa fi dameelee tumsaa ilaallatan kan ofkeessatti qabate ta’uunsaa ibsameera. De’eetaan ministira magaalaa fi bu’ura misoomaa obbo Faantaa Dajan ministeerichi pirojektiin kun akka dhugoomu deeggarsa barbaachisu akka taasisuibsaniiru. Pirojektichi qonna magaalaa fi qonna bunaa, eegumsa fayyaa, barumsa ogummaa, sirna mootummaa elektirooniksii fi kompileksii industiriyaalii biyyaalessaa kan ofkeessaa qabudha. Dhugoomuun pirojektii kanaa guddina sinagdee daldalarratti hundaa’e gabbisuu akkasumas adeemsaan gabaa addunyaa keessa waliin galuu kan dandeessisu akka ta’u waliigaltee kanarratti ibsameera.