Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi hooggantoonni mootummaa olaanoo agarsiisa Bishaanii fi Inarjii mata duree ”Qabeenyi bishaanii keenya badhaadhina keenyaaf” jedhuun qophaa’e daawwatan

Hagayya 13/2015(TOI) - Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi hooggantoonni mootummaa olaanoo agarsiisa Bishaanii fi Inarjii Godambaa Saayinsiitti mata duree ”Qabeenyi bishaanii keenya badhaadhina keenyaaf” jedhuun qophaa’e daawwataniiru.

Agarsiifni kun kaleessa galgala ministirri muummee Abiyyi Ahimad fi pirezidaantiin Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Nahiyaan eebisanii banuunsaanii nibeekama.

Guyyaa har’aa mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabduun koree dhaabbataa Bishaan, jallisii fi dhimmoota naannawa gammoojjii Fatiyaa Ahimad fi miseensonni biroon, ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa dabalatee ministeerichatti de’eetaan ministirootaa bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii, bulchiinsa qabenya bishaanii, damee misooma Inarjii fi hooggantoonni olaanoo dhaabbilee itti waamamaasaa  agarsiisa kana daawwataniiru.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa wayita kana akka ibsanitti, qabeenyaa uumamaa guddaa Itiyoophiyaan qabdu keessaa bishaan dusrarratti argama.

Agarsiifni Bishaanii fi Inarjii godambaa Saayinsiitti qophaa’e lammiileen hojiilee misoomaa damee Kanaan hojjetamaa jiru akka ilaalan yaadamee akka ta’e dubbataniiru.

Agarsiifni kun karaa dhaabbatichaa fi dhaabbilee ittiwaamamtoota isaa hidha haaromsaa guddicha dabalatee hojiilee misoomaa Bishaanii fi Inarjii karaa saayinsaawaa daawwannaaf dhihaachuu kaasaniiru.

Agarsiifni kun Itiyoophiyaan qabeenya Bishaanii fi Inarjii qabdu fi dandeettiishee agarsiisuuf yaadamee kan qophaa’ee fi guyyoota 30 ittiaananiif banaa ta’ee akka turu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015