Saayinsii 'baayooteknooloojii' hawaasa biratti caalmaatti akka beekamu hojii miidiyaa fi komunikeeshiniin deeggaramu akka qabu himame

Adoolessa 06/2015 (TOI) - Hojimaataa fi tajaajilli saayinsii 'baayooteknooloojii' hawaasa biratti caalmatti akka beekamu hojii miidiyaa fi komunikeeshiniin deeggaramuu akka qabu himame.

Giddu galli Qorannoo Baayooteknooloojii biyyaalessaa Yunivarsiitii madda Walaabuu waliin qindoomuun leenjii hubannoo qorattoota, ogeessota miidiyaa fi komunikeeshiniitiif qooda fudhattoota gara garaatiif kennee jira.

Saganticharratti kan argaman daareektarri Giddugala Qorannoo Baayooteknooloojii biyyaalessaa doktor Lataa Tulluu akka jedhanitti, saayinsiin baayooteeknooloojii seektara qonnaa, fayyaafii kanneen biroo hammayyeessuu keessatti qooda ol'aanaa kan qabu ta'uu dubbatan.

Hojimaanni baayoteeknooloojii bu'aa hedduu qabaatus hanqina odeeffannoo irraa kan ka’e hawaasa biratti hedduu akka hin beekamne himan.

Giddugalichi maalummaa fi bu'aan saayinsii hawaasa biratti caalmaan akka beekamuuf hojii miidiyaa fi komunikeeshiniitiin deeggaruuf hojjachaa jiraachuu himan.

Leenjiin hubannoo qooda fudhattoota baayooteeknooloojii gara garaaf kennames agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu doktor Ahmad Kaliil gama isaaniitiin, Yunivarsiitichi sirna baruu fi barsiisuu geggessuun cinaatti hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa bu'ura godhatan irratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu dubbatan.

Keessattuu qonnaan bulaan qonna baratamaarraa gara makaanaayzeshiniitti akka cehuuf deeggarsa taasisaa jiraachuus dubbatan.

Milkaahina karoora hojii kanaatiif qindoominni giddugaloota akka baayooteeknooloojii tumsa ol'aana qabas jedhan.

Ittaanaan Pirezidaantii dhimmoota akkaadaamii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsitichaa doktor Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniitiin Yunivarsiitichi qonnaan bultoota godinoota Baalee lamaanii fi Arsii Lixaa hojimaata kilaastaraatiin gurmaahan galteelee qonnaatiin deeggaraa jiraachuu kaasan.

Qindoominni hojii giddugala baayooteeknooloojii hojii caalmaa qabu hojjachuuf humna jabaa ta'uu dubbatan.

Qooda fudhattoonni leenjicharratti argaman gama isaaniitiin leenjiin hubannoo maalummaa saayiinsii baayooteknooloojii, gabaasa saayinsii irratti argatan humna dabalataa ta'uu kaasan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015