Tajaajilli mirkaneessaa fi galmee Sanadootaa waliigaltee kafaltii karaa dijitaalaa raawwachuu dandeessisu baankii daldalaa waliin mallatteesse

Hagayya 12/2015 (TOI) - Tajaajilli mirkaneessaa fi galmee Sanadootaa waliigaltee kafaltiiwwan hunda karaa dijitaalaa raawwachuu dandeessisu baankii daldalaa waliin mallatteesseera.

Daarektarri olaanaa tajaajila mirkaneessaa fi galmee sanadootaa obbo Daagattoo Kumbee fi baankii daldalaa Itiyoophiyaatti itti aanaa pirezidaantii baankii dijitaalaa obbo Daahilaak Yiggazuu ti.

Daarektarri olaanaa tajaajila mirkaneessaa fi galmee sanadootaa obbo Daagattoo Kumbee wayita kana akka jedhanitti, waliigalteen kun dhaabbatichis ta’e maamiltoonni filmaata dijitaalaa Baankichaatti fayyadamuun kafaltii raawwachuuf isaan dandeessisa.

Kunis ammoo yeroo fi dadhabbii maamiltootaa qusachuuf nidandeessisa jedhaniiru.

Itti fufuunis tajaajilamtoonni gara dhaabbatasaanii dhufan kafaltiiwwan tajaajilaa har’arraa kaasee raawwatan filmaata dijitaalaa Baankichaatti fayyadamuu akka danda’an dubbataniiru.

Baankii daldalaa Itiyoophiyaatti itti aanaan pirezidaantii baankii dijitaalaa obbo Daahilaak Yiggazuu gamasaaniin, maamiltoonni baankichaa hundi karaa ‘CBE’ birrii fi moobaayil baankiingii akkasumas dameewwan baankichaa hundatti yeroo gabaabaa keessatti kafaltiiwwan tajaajilaa akka raawwatan akka dandeessisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015