Waaltaa miidiyaa fi komunikeeshiniin moggaasaa fi loogoo haaraa ifoomse

Hagayya 01/2015 (TOI) –Korporeetiin komunikeeshinii Addis Waaltaa Itiyoophiyaa gama beeksisuutiin itti gaafatama biyyaa irraa eegamu  bahuu akka qabu de’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa adde Salaamaawiit Kaasaa dubbatan.

Korporeetiin miidiyaa fi komunikeeshinii Addis Waaltaa sirna moggaasaa fi loogoo beeksisuu adeemsiseera.

Miseensi boordii dhaabbatichaa fi de’eetaan miniatiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa adde Salaamaawiit Kaasaa akka ibsanitti, dhaabbatichi duudhaa hawaasaa gama beeksisuutiin dokimatarii fi sagantaawwan hojjechuun ittigaafatama biyyaa bahachaa tureera.

Dhaabbatichi hojiiwwan Kanaan dura gumaacheen Itiyoophiyaanonni akka walbeekan gochuun qooda olaanaa bahuusaa dubbataniiru.

Hojiileen dhaabbatichi hojjetu Itiyoophiyaarra darbee sadarkaa Afriikaa fi addunyaatti biyya kan beeksisanta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Ittigaafatama kana bahuuf qabiyyeewwan haaraatiin bifa haaraan as bahuunsaa gaarii ta’uu ibsanii, humna namaa gurmeessuu fi gahoomsuurratti hojjechuu akka qabu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru.

“Addis Waaltaan fuuladura bu’a qabeessa ta’uuf hanqinoota Kanaan dura qabu adda baasee hojjechuurratti hojii manaa qaba” jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeetii miidiyaa fi komunikeeshinii Addis Waaltaa obbo Mahaammad Hasan gamasaaniin wayita amma biyyi qormaata hedduu keesa darbaa waan jirtuuf qoonni miidiyaalee guddachuu qaba jedhaniiru.

Addis Waaltaan qooda irraa eegamu bahuuf qophaa’eera jedhan.

Kana gochuuf qabiyyeewwan Kanaan dura itti fayyadamaa ture dabalataan qabiyyeewwan haaraa qabatee as baheera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015