Yaa'iin Gamtaan Telekoom Idil-addunyaa sadrkaa aardiitti bor irraa jalqabee Finfineetti ni geggeeffama jedhame.

Yaa'iin Gamtaan Telekoom Idil-addunyaa sadrkaa aardiitti bor irraa jalqabee Finfineetti ni geggeeffama jedhame.

Fulbaana 21/2016 (TOI): Yaa'iin Gamtaa Telekoom idil addunyaa fulbaana 22-24/2016tti magaalaa Finfinneetti ni taa'ama jedhame.

Yaa'icha kan qopheessee gamtichaafi ministeera Innoveeshiniifi tekinolojii yoo ta'u mata duree "Raawwii galmoota misooma itti fufiinsa qabu Afrikaatti ce'umsa dijitaalaatiin saffisiisuun egeree itti fufiinsa qabuufii haqa qabeessa" jedhuun geggeeffama jedhameera.

Ministeerri Innoveeshiniifi Tekinolojii ibsa TOI'f ergeen yaa'ichaan Afrikaatti ce'umsi dijitaalaa akkamitti fiduun akka danda'amufi galmoota misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf gahee inni qaburratti ni mariyatama.

Dhaqqabummaa sadarkaa idil-addunyaatti teeknooloojiin dijitaalaa qabuu, raawwii hojii pirojektoota walitti hidhamiinsa dijitaalaa Afrikaa keessatti raawwatamaa jiranii fi dhimmoota kanaan walqabatan biroo irrattis ni mari’atamuu jedhameera.

Yaa'icharratti Ministiroonni biyyoota Afrikaa miseensa gamtichaa, bakka bu’oonni dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi deeggartoota misoomaa, akkasumas qooda fudhattoonni damichaa biroo yaa'ii kanarratti akka hirmaatan ibseera.

Gamtaan Telekoom Idil-addunyaa dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa tokko yoo ta’u, bara 1865 hundeeffame.

Waajjirri muummee isaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti kan argamu yoo ta'u Gamtaan irra caalaa teeknooloojiiwwan odeeffannoo fi qunnamtii irratti xiyyeeffachuun addunyaa walitti hidhuuf galma qabatee hojjechaa jira.

Gamtichi Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa isaa ta'an 193 qaba

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015