Biyyoonni Afrikaa dhaabbilee Itoophiyaarraa tajaajila akridiiteeshinii argachuu fi qindoominaan hojjechuuf gaafachaa jiru jedhame.

Adoolessa 27/2015(TOI) - Tajaajilli Akridiiteeshinii Itoophiyaa, bara 2003 kan hundaa’e yemmuu ta’u, bara 2008’tti laabiraatoorii yaalaa fi sakatta’insaan sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argateera.

Daarektarri Olaantuu Tajaajila Akridiiteeshinii Itoophiyaa aadde Masarat Tasammaa, Itoophiyaan ji’a fulbaanaa dhufutti oomishaa fi laabiraatoorii ‘Calibration’tiin beekamtii Akridiiteeshinii ni argatti jedhamee eegama jedhan.

Kunimmoo Itoophiyaarra darbee biyyoota ollaaf tajaajila kan kennuu kan dandeessisu ta’as jedhaniiru. Dabalataanis, tajaajilichi kanaan dura damee beekamtii argate yaala, Inispeekshinii, Sertifikeeshinii fi Siistama Sertifikeeshiniitiin raawwiin isaa qoratamee beekamtiin isaa akka itti fufu taasisameeras jedhan aadde Masarat.

Biyyoonni Afrikaa dhaabbilee Itiyoophiyaarraa tajaajila akridiiteeshinii argachuu fi qindoominaan hojjechuuf fedhii agarsiisaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015