Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’atan

Fulbaana 10/2016 (TOI) - Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’ataniiru.

Mariin kun haala maayikiroosooftii fi Itiyoophiyaan waliin hojjchuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha.

Ministirichi yaalii babal’ina teeknooloojii, tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa akkasumas dargaggoota beekumsa dijitaalaan cimsuuf Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru hooggantootaaf ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hubannoowwan namtolchee guddisuuf hojii hojjechaa jirtu kan ibsan yemmuu ta’u, kun ammoo hojii kaampaanicha waliin tumsaan hojjetamu keessaa damee tokko akka ta’u dubbataniiru.

Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa dijitaalaa babal’isuuf keessumaa tajaajila kilaawudii, jiddugaleessa deetaa fi bu’aalee teeknooloojii dijitaalaa biroo maayikiroosooftii waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Kaampaanichi alaqa hojii teeknooloojiirratti jalqabdoota jajjabeessuuf maallaqqan, leenjii fi galteewwan barbaachisan dhiheessuun haala Itiyoophiyaa itti gargaaruu danda’urratti ibsa kennaniiru.

Hooggantoonni kaampaanii Maayikiroosooftii gamasaaniin, tajaajila teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa, qonnaa fi akkasumas dameelee biroof kennu ammayyeessuuf yaalii taasifamu deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru.

Kana malees sagantaa teeknooloojii dijitaalaa Afriikaatti babal’isuuf Itiyoophiyaa akka filmaataatti fayyadamuuf fedhii akka qabu hooggantoonni kunneen ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015