Dubartoota, Qaama miidhamtootafi Horsiise bultoota dinagdee dijitaalaa keessatti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira.

Dubartoota, Qaama miidhamtootafi Horsiise bultoota dinagdee dijitaalaa keessatti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira.

Hagayya 13/2015 (TOI)-Dubartoota, Qaama miidhamtootafi Horsiise bultoota dinagdee dijitaalaa keessatti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Deetaan Ministira Innooveshiniifi tekinolojii Hurriyaa beeksisan.

Hojiiwwaan Pirojeektii Faawundeeshiinii Dijitaalaa jalatti argaman keessa tokko kan ta'e hojii daldala dijitaalaa irratti kanneen bobba'aniifi ogeeyyoota hojii uumtoota haaraa ta'aniif deeggarsa taasisuun gara hojiitti galeera.

Deeggarsi kun dubartoota, qaama miidhamtoota,Qonnaan bultootafi horsiise bultoota fayyadamoo taasisuun hirmaanna hunda galeessa dinagdee dijitaalaa keessatti akka qabaatan gochuu kan kayyeeffatedha jedhameera.

Deetaan ministiria Innoveeshiniifi Tekinolojii Hurriyaa Alii dinagdee dijitaala hunda galeessa ijaaruuf mootummaan damee adda addarratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Pirojeektiin Faawundeeshinii Dijitaalaa, dubartoota, qaama miidhamtoota, qonnaan bultootafi horsiise bultoota fayyadamo kan taasisan hojii dinadee dijitaala kuma 6fi 500 uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Dameen kun dinagdee dijitaalaaf bu'uura kan kaa'ufi kallattinis ta'ee al kallattiin hojii dinagdee dijitaalaa uumuu kanneen danda'an ogeeyyoota hoji uumtoota haaraafi daldalaa karaa ittiin deeggarsi taasifamuuf ta'uu odeeffannoon Ministeera Innooveshiniifi tekinolojiirra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015