Mallattoon waliigaltee qophii duraa Itiyoophiyaatti pirojektii Smaart siitii jalqabsiisuuf dandeessisu adeemsifame

Adoolessa 05/2015(TOI)- Mallattoon waliigaltee qophii duraa Itiyoophiyaatti pirojektii Smaart siitii jalqabsiisuuf dandeessisu adeemsifameera.

 Ministeerri magaalaa fi bu’uura misoomaa Konsertiiyeem pirojektii rippaabiliikii Kooriyaa fi deeggaraa biyya keessaa pirojektii ijaarsa Smaart siitii Iikoo-magariisaa qindeessu dhaabbata Ageree jedhamu waliin mallattoo haal duree gamsadee walii mallatteessaniiru.

Sanadi waliigaltee kun tumsa dhaabbata mootummoota gamtoomanii deeggarsa teekniikaa biyyoota guddachaa jiranniirratti kan xiyyeeffate ta’uun beekameera.

Waliigaltichi dhimmoota deeggarsa dinagdee hundagaleessaa fi dameelee tumsaa ilaallatan kan ofkeessatti qabate ta’uunsaa ibsameera.

De’eetaan ministira magaalaa fi bu’ura misoomaa obbo Faantaa Dajan ministeerichi pirojektiin kun akka dhugoomu deeggarsa barbaachisu akka taasisuibsaniiru.

Pirojektichi qonna magaalaa fi qonna bunaa, eegumsa fayyaa, barumsa ogummaa, sirna mootummaa elektirooniksii fi kompileksii industiriyaalii biyyaalessaa kan ofkeessaa qabudha.

 Dhugoomuun pirojektii kanaa guddina sinagdee daldalarratti hundaa’e gabbisuu  akkasumas adeemsaan gabaa addunyaa keessa waliin galuu kan dandeessisu akka ta’u waliigaltee kanarratti ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015