Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa sanyii midhaanii haaraa 4 argachuu beeksise.

Hagayya 5/2015 (TOI) - Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa sanyii midhaaniifi dheedhii haaraafi fooyya'an 4 argachuu beeksise.

Sanyiin midhaanii haaraan argaman kun sanyii midhaanii kanaan dura turan caalaa dhukkuba damdamachuu kan danda'aniifi oomishinni irraa argamus kan kanaan duraa caalaa harka 35 caalmaa kan qabu ta'uu beeksiseera.

Sanyiin haaraan jiddugalaan argaman kunis Qamadii daabboo ta'u, sanyii Garbuu gosa adda addaafi sanyii Raafuudha jedhameera.

Jiddugalichatti qindeessaan garee qorannoo sanyii midhaan dheedhiifi zayitaa obbo Taaddalaa Taaddasaa akka beeksisaniitti, sanyii midhaanii garee qoranichaan fooyyeffaman kana baasuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru.

Sanyiin Raafuu amma jiddugalichaa qorannoon bahe lafa heektaara tokko irraa callaa kumtaala 19 oomishuu kan dandeesisu yoo ta'u sanyii Abiroot Shaayyaa jedhamu caalaa oomisha harka 25 hanga 31 caalmaa oomisha kan kennudha jedhaniiru.

Sanyiin Raafuu kun aramaa to'achuuf humna kan qabu yoo ta'u, midhaan jijjjiranii lafarra yeroo facaafamu keessatti dhukkuba Qamadii ittisuuf gahee olaanaa kan qabudha jedha jedhameera.

Gareen qorannichaa kan bara kanaa dabalatee sanyii midhaanii gosa adda addaa 35 kan haala qilleensa baddaafi gammoojjitti ta'an qorannoon bu'a qabeesuummaa isaanii mirkaneessee baaseera.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015