Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Qophii Kana Xieeffannaa Keessa Galche Gochuu Qabu-Ministeera Inniveeshinii fi Teeknooloojii

Hagayya 24/2015 (TOI)- Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Kana Xieeffannaa Keessa Galchuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduuf hojjechuu qabu jedhan De’eetaan Ministiraa Inniveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii.

Mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaa fi qooda dubartootaa” jedhuun waltajjiin hooggantoota dubartootaa naannawa Itiyoophiyaa hindaarraa walitti babahan irratti hirmaatan magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira.

Waltajjichi imala dijitaalaa Itiyoophiyaa fi qooda dubartootaa, addunyaa dijitaalaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, qoodama dijitaalaa (digital divide) saayibarii rakkisuu fi abbaa irrummaa (cyberbullying) ittisuu jedhanirratti kan xiyyeeffatedha.

De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii waltajjicharratti akka jedhanitti addunyaan hojmaata dijitaalaatti gala waan jiruuf hooggantoonni dubartoonni qophii kanarratti xiyyeeffate gochuun ofis biyyasaaniis fayyadamaa taasisuuf hojjechuu qabu jedhan.

Qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa akka qaban de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru.

Qoodmaan dijitaalaa saalaan, Umuriin, naannawaa fi meeshaalee itti fayyadamaniin akka mul’atu ibsanii, qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa qabu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa kan jirtu yemmuu ta’u, qoodmaa dijitaalaa bifa addaddaan mul’atu dhiphisuun fayyadama walqixaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015