Poortaalii Biizinasii Biyyaalessaa Magaalaa Adaamaatti babal’isuuf jalqabamuun ibsame

Hagayya 12/2015 (TOI) -  Qaama karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Itiyoophiyaa kan ta’e sagantaan hojiirra oolmaa pirojektii si’aayina hojii daldalaa magaalaa Adaamaatti adeemsifamuusaa ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii ibse.

De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii sagantaa jalqabsiisaarratti akka ibsanitti, poortaaliin biizinasii biyyaalessaa tajaajilli mootummaan kennu salphaa fi si’ataa taasisuun alatti sadarkaa idil addunyaa Itiyoophiyaan si’aayina hojii daldalaan qabdu guddisuuf nigargaara.

Poortaaliin Biizinasii kun osoo addaan hinciccitiin tajaajila akka kennu bulchiinsi magaalaa Adaamaa xiyyeeffatee akka hojjetu hubachiisaniiru.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu jaldee gamasaaniin pirojektiin poortaalii biyyaalessaa tajaajiloota dijitaalaa “Dijitaal Adaamaa’ jechuun magaalattiitti jalqabaman si’achiisuun jiraattonni magaalattii tajaajiloota mootummaa karaa salphaa fi si’aayinaan akka argatan nidandeessisa jedhan.

Pirojektiin si’aayina hojii daldalaa lammiileen dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaatti karaa oonlaayinii tajaajila akka argatan nitaasisa.

Pirojektiin deeggarsa maallaqaa gamtaa Awurooppaan hojeeffamu kun magaalota Itiyoophiyaa filataman keessatti akka itti fufu odeeffannoon ministeericharraa arganne nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015