Dhaabbileen buuura misoomaa ijoon nageenya Saayibarii eegsisuun hojiisaanii muummee taasisuu qabu-doktar Abrahaam Balaayi

Onkoloolessa 12/2016 (TOI) - Dhaabbileen buuura misoomaa ijoon Itiyoophiyaa nageenya Saayibarii eegsisuun akkuma ergamasaanii idilee hojiisaanii muummee taasisuu akka qaban doktar Abrahaam Balaayi ibsan.

Baatiin nageenya Saayibarii biyyaalessaa afraffaan mata duree “dandeettiin saayibarii cimaan birmadummaa biyyaaf” jedhuun sagantaalee addaddaatiin kabajamuu erga jalqabee guyyaa 12ffaa qabateera.

Ministirri Ittisaa doktar Abraham Balaayi, de’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii, daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Salamoon Sokkaa dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo kanneen biroo bakka argamanitti  egzibiishiniin nageenya Saayibarii guyyaa har’aa banameera.

Egzibiishinii kana malees mareen paanaalii hoteela Giyoonitti taa’amaa jira.

Ministirri Ittisaa doktar Abrahaam Balaayi wayita kana akka ibsanitti, haala qabatamaa addunyaa amma jiriuun teeknooloojiin Saayibarii dandeettii biyyoonni ittiin dorgoman ta’eera.

Nageenya Saayibarii Itiyoophiyaatti eegsisuun milkaa’ina misoomaa, nageenyaa fi shoora akka qabaatu hubachuun karoora misoomaa waggaa kudhaniirratti qooda olaanaa akka qabaatu taasifamuusaa ibsaniiru.

Dijitaala 2015 2025 dhugoomsuuf  fayyadama teeknooloojii guddisuuf nageenya Saayibarriin alatti guutuu hinta’u jedhaniiru.

Yakki Saayibarii addunyaarratti yaddoo biyyootaa kan jalqabaa ta’uu kan ibsan doktar Abrahaam, Itiyoophiyaatti  cehumsa dijitaalaa saffisiisuuf gufuu ta’uusaanii ibsaniiru.

Kanaaf dhaabbileen bu’ura misoomaa ijoo nageenya Saayibarii eegsisuuf akkuma ergamasaanii idilee nageenya Saayibarii hojiisaanii ijoo taasisuu akka qabaatan ibsaniiru.

Dirreen nageenya Saayibarii dandeettii addaa fi kennaa waan gaafatuuf dargaggoota hojii kalaqaa hojjetan jajjabeessuun egeree biyya keenyaa ifa gochuutu barbaachisa jedhaniiru.

Daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo gamasaaniin babal’achuu itti fayyadama teeknooloojiin walqabatee ammii fi akaakuun haleellaa Saayibarii dabalaa dhufuusaa ibsaniiru.

Fakkeenyaaf bara bajataa 2008 haleellaan Saayibarii Itiyoophiyaarratti  aggaamame 214 qoa yemmuu ta’u, bara 2014 haleellaan kun kuma 8 fi 845 gahuusaa eeraniiru.

Kanaaf addunyaa Saayibarii walxaxaa fi tilmaamuun hindanda’amne keessatti haleellaa Saayibarii ittisuuf lammiilee fi dhaabbileef dammaqiinsa nageenya Saayibarii bal’aa uumuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Kaayoon  olaanaa baatiin nageenya Saayibarii biyyaalessaa lammiileef hubannoo uumuu ta’uu ibsanii, qophii yaaddoo birmadummaa dijitaalaa haala qabatamaa addunyaa hir’isuuf dandeessisu yaada keessa galche  gochuutu barbaachisa jedhaniiru.

Haleellaa bu’uraalee misoomaa ijoorratti aggaammatu birmadummaa biyyaa fi faayidaa biyyaalessaaf yaaddoo waan ta’eef abbummaa teeknooloojii ijaaruun sirrii ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015