Magaalichatti lammiilee miiliyoona 1.3'f waraqaan eenyummaa diijitaalaa kennamera

Adoolessa 27/2015 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaan eenyummaa diijitaalaa kennamuu Ejensiin Tajaajila Galmeessa Siivilii fi jiraattootaa beeksiise.

Ejensichi guyyaa hundeeffama isaa waggaa 80ffaa agarsiisa suuraa fi marii paanaaliitiin kabajeera.

Sirna kabajaa kanarratti kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Waggootaan sadan darban keessa hojmaata isaa ammayyeessuun lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaa eenyummaa diijitaalaa laachuu isaa daayrektarri olaanaan Ejansichaa Obbo Yoonaas Alamayyoo ibsaniiru.

Ejansichi Yeroo ammaatti tajaajila isaa sadarkaa aanaa hundaatti qaqqabamaa taasiisuu kaasaniiru.

Ejensichi yeroo itti aanus hojimaata isaa caalmaatti ammayyeessuun tajaajila gahumsa qabu hawaasaaf kennuuf hojii haaromsa dhaabbatummaa fi haala hojii mijataa uumuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015