Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti gamoowwan jiddugaleessa aanaa Smaart fi kolleejiin ogummaa pooliiteekniikaa Misiraaq eebbifaman

Hagayya 18/2015 (TOI)- Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataa aanaa 8tti kan ijaaraman gamoowwan jiddugaleessa aanaa Smaart fi kolleejiin ogummaa pooliiteekniikaa Misiraaq eebbifamaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee jiddugaleessichii fi gamoon kolliijichaa eebbifamanii tajaajilaaf banamuusaanii fuula hawaasummaasaaniirratti ibsaniiru.

Jiddugaleessichi bu’uurri misoomaa infoormeeshiin teeknooloojii kan diriirfamee fi hojjettootaa fi tajaajilamtootaaf mijataadha jedhanii, tajaajila kennamu dijitaalawaa taasisuun si’ataa fi qaqqabaa taasisuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Bara 2016 ijaarsi jiddugaleessa aanaa Smaartii 11 akka jalqabamu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015