Dargaggoota dameelee addaddaan yaada kalaqaa qabaniif leenjiin kennamuu jalqabe

Hagayya 09/2015 (TOI) – ministeerri hojii fi dandeettii  inistiitiyuutii leenjii teekniikaa fi ogummaa RDFI waliin ta’uun dargaggoota dameelee addaddaan yaada kalaqaa qabaniif leenjiin kennamuu jalqabe.

Leenjiin kun mata duree “Samar Kaampiin fooyya’iinsa teeknooloojii fi kalaqaaf” jedhuun akka kennamu beekameera.

Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil leenjii kana ifatti jalqabsiisaniiru.

Dargaggoonni dameelee qonnaa, tajaajilaa, maanuufaakchariingiin yaada kalaqaa faayidaa olaanu biyyaaf qabu qaban 500 ol baatii lamaan itti aananiif nihirmaatu.

Ulaagaa dargaggoota fo’achuuf oolan  yaanni kalaqasaanii rakkoo hiikuu danda’uusaa, oomisha biyya alaarraa galu bakka bu’uu kan danda’u ta’uu akka ta’e ibsameera.

Dargaggoonni turtii leenjii baatii lamaatiin yaada kalaqasaanii hojiitti hiikuu haala itti danda’an, tajaajila leenjii fi gorsaa akka argatan sirna baniinsaarratti ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015