Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaa mirkaneessuuf Afriikaanonni waliin hojjechuu qabu

Fulbaana 22/2016(TOI)- Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaa mirkaneessuuf Afriikaanonni waliin hojjechuu akka qaban ibsame.

Yaa’iin ardii Afriikaa gamtaa telekoomii idil addunyaa Mata duree “egeree fi haqa qabeessa boruuf, hojiirra oolmaa misooma egeree Afriikaa si’achiisuu” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.

Yaa’iin kun haala tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaatti fiduu fi galmoota misooma egeree milkeessuun danda’amurratti mari’achaa jira.

De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii, Afriikaan ardii dargaggoonni harka 70 keessa jiraatan waan ta’eef cehumsa dijitaalaa fiduuf carraa gaarii akka uumu dubbataniiru.

Afriikaatti harki 43 qofatu intarneetii qaba kan jedhan  de’eetaan ministiraa kun, lammiilee fayyadamaa dinagdee dijitaalaa gochuuf ijaarsa bu’ura misoomaa fi ogummaa dijitaalaa irratti hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru.

Gamtaan telekoomii idil addunyaatti daarektarri biiroo misooma telekomunikeeshinii Koosmaas Zaavaazaavaa tiraanisfoormeeshiniin dijitaalaa guddina waliigalaaf murteessaa waan ta’eef afriikaatti bu’ura misoomaa intarneetii diriirsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Daarektarri olaanaa Komunikeeshinii Itiyoophiyaa Injiinar Baalchaa Reebaa gamasaaniin, Afriikaa boruuf Afriikaanonni waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.

Yaa’iin ardii Afriikaa gamtaa telekoomii idil addunyaa amma Fulbaana 24/2016tti kan ittiu fufu yemmuu ta’u hojiiwwan Itiyoophiyaan damee kana fooyyessuuf hojjette Ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015