Qaawwa qaqqabiinsa Intarneetii biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran jidduu jiru guutuun ajandaa duri kennamuuf ta’uu qaba- de’eetaa ministiraa Huuriyaa Alii

Adoolessa 11/2015(TOI)- Qaawwa qaqqabiinsa Intarneetii biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran jidduu jiru guutuun ajandaa duri kennamuuf ta’uu aka qabu  de’eetaa ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Aliiibsan.

Mariin yaa’ii bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa 18ffaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Onkoloolessa 2023 Jaappaan Tookiyootti adeemsifamu ilaalchisuun Siwiizarlaand Jenevitti taa’ameera.

Hooggantoonni mootummootaa olaanoon marii kanarratti hirmaatan ajandaalee yaa’iin kun irratti xiyyeeffachuu qaburratti mari’achuusaanii beeksisaniiru.

Miseensi hooggantoota olaanoo yaa’ii bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa fi de’eetaan ministira Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii hanqinni qaqqabiinsa Intarneetii, bu’uura misoomaa fi meeshaalee itti fayyadama dijitaalaa biyyoota guddachaa jiranii ajandaalee marii kanaa ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Guddina dinagdee biyyootaaf teeknooloojiin dijitaalaa qooda olaanaa qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun kana galmaan gahuuf hawaasa dijitaalaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa haala cimuu itti danda’uu fi dhaabbilee addaddaa waliin hojjechuu danda’urratti hooggantoonni olaanoo yaa’ichaa mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015