Botafogon PSG Mo’achuun Qabxii Hin Eegamne Galmeessiseera - ENA Afaan Oromoo
Botafogon PSG Mo’achuun Qabxii Hin Eegamne Galmeessiseera

Waxabajjii 13/2017(TOI)-Tapha Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaa Ramaddii Lamaan Gaggeeffameen Botafogon PSG HaaaHin Eegamneen 1 fi 0n Mo’ateera.
Tapha Kaleessa Halkan Walakkaa Booda Istaadiyoomii Kaaliifoorniyaa Rozbolitti Gaggeeffameen Botafoogoon Mo’ateera.
Haala Kanaan Botafogon Qaxiisaa Jahaan Gahateera.Tapha Mo’anii Darbiitti Galuuf Carraasaa Bal’ifateera.
Kilabiin Amerikaa Kibbaa Waggaa 13 Booda Kilabii Awurooppaa Mo’ateera.
Ramaddichaan PSG’n Qabxii Sadiin Sadarkaa Lammaffaa Qabateera.
Ramaddii Kanaa Tapha Kaleessa Halkan Walakkaa Booda Istaadiyoomii Waashiingitan DC Lumen Fiilditti Gaggeeffameen Atileetikoo Maadriid Siyaatil Saawundarsiniin 3 fi 1’n Mo’ateera.
Dorgommii Kanaan Jalqabaaf Kan Mo’ate Atileetikoo Maadriid Gooliidhaan PSG’n Caalame Sadi Qabxii Sadiin Sadarkaa Sadaffaarra Jira.
Siyaatil Saawundarsi Kilaba Dorgommicharraa Gaggeeffame Kan Jalqabaa Ta’eera.
Wixata Waxabajjii 16 Bara 2017 Sagantaa Xumuraa Ramaddii Lamaan Atileetikoo Maadriid Botafogo, Siyatil Saawundarsi PSG Waliin Nitaphatu.