Jilli Itiyoophiyaa shaampiyoonaa teenisa minjaalaa dargaggoota Afriikaarratti hirmaachuuf Naayijeeriyaatti qajeele - ENA Afaan Oromoo
Jilli Itiyoophiyaa shaampiyoonaa teenisa minjaalaa dargaggoota Afriikaarratti hirmaachuuf Naayijeeriyaatti qajeele

Adoolessa 18/ 2017 (TOI)-Gareen jilaa Itiyoophiyaa shaampiyoonaa Teenisa minjaalaa dargaggoota Afriikaa Naayijeeriyaa Legositti gaggeeffamurratti hirmaatu har’a waaree booda bakkatti qajeeleera.
Shaampiyoonaan federeeshiniin Teenisa minjaalaa idil addunyaa(ITTF) qopheesse kun Adoolessa 20 amma 27 bara 2017tti nigaggeeffama.
Saala lamaanuu ispoortessitoonni 8 Itiyoophiyaa bakka bu’uun nihirmaatu.
Itiyoophiyaan dorgommii kanarratti yoo hirmaattu kan jalqabaa ta’uu odeeffannoon ministeera aadaa fi ispoortii nimul’isa.
Shaampiyoonichi Ispoortessitoona kanneeniif qofa osoo hintaane guddina ispoortii Teenisa minjaalaa Itiyoophiyaaf boqonnaa guddaa kan banu ta’uu ibsaniiru.
Garee kun shaampiyoonicha irratti akka milkaa’u ministeerichi hawweera.
Biyyoonni 27 Shaampiyoonaa Teenisa minjaalaa dargaggoota Afriikaa irratti nihirmaatu.