Ispoortiin tokkoommaa fi walooma uummataa caalmaatti cimsuu akka danda’u hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiaru-Ministiricha

Waxabajjii 09/2017(TOI)-Dameen Ispoortii tokkoommaa fi walooma uummataa caalmaatti  cimsuu akka danda’u hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii ibse.

 Dorgommiiin Tapha Guutuu  biyyoolessa  Itiyoophiyaa 6ffaan guyyoota 10’f Magaalaa Jimmaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, saganticha ilaalchisee Misteerri Aadaa fi Ispoortii, Yuunvarsiitii  Jimmaa fi  qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

De’eetaan MinistiraAadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad Maricharratti, Ispoortiin Bashannana irra darbee walitti hidhaminsa hawaasummaaf faayidaa guddaa qaba Jedhaniiru.

Bu’uruma Kanaan spoortiin tokkummaa fi walooma hawaasaaf caalatti jabeessuun akka danda’amu hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiraachuu fi kanneen keessaa dorgommiin biyyoolessaa  tokko  ta’uu eeraniiru.

Dorgommiiwwan kun tokkummaa fi walooma uummataa kan jabeessan ta’uu eeruun, gama Kanaan hojiiwwan eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru.

 Waltajjichi mata duree “Faayidaa Ispoortiin Byyoolessummaa fi Walooma Hawaasaatiif qabu”  jedhuun  ka’umsa  barreefama marii kan dhiheessan Ministirichatti hojii gaggeesaa olaanaa Ahmad Mahammad faayidaan Ispoortiin sosochii Dinagdeef, Walitti dhufeenya Hawaasummaa fi waloomaaf  qabu guddaa ta’uu ibsananiiru.

Ispoortiin  dhaloota cimaa fi fayya qabeessa akkasumas tokkummaa uumuuf  kan gargaaru waan ta’eef  guddina damichaaf hirmaannaan qooda fudhattootaa  guddachuu akka qabu kaasaniiru . 

Sirni Baniinsaa Dorgommii tapha guutuu Itiyoophiyaa 6ffaan boruu Istaadiyeemii yuunvarsiitii Jimmaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, keessummoonni kutaalee  biyyattii adda addaa irraa sagantaa kanaaf Magaalaa Jimmaa galaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015