Taphoonni Piriimerliigiitii Lama Nigaggeeffamu - ENA Afaan Oromoo
Taphoonni Piriimerliigiitii Lama Nigaggeeffamu

Waxabajjii 09/2017 (TOI) Sagantaa Piriimerliigii Itiyoophiyaa Torbee 35ffaan har’a Taphoonni Lama Nigaggeeffamu.
Bunni Sidaamaa fi Magaalaan Arbaa Minci Ganama Kana Sa’aatii 3:30 irraa Eegalee Istaadiyeemii Hundagaleessa Wanjiitti Nitaphatu.
Bunni Sidaamaa Taphoota Liigichaa Sadiin Kan Hinmo’anne Bunni Sidaamaa Qabxii 47n Sadarkaa 6ffaarratti argama. Yoo Tapha Kana Mo’ate Kara Injifannootti Nideebia’a.
Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci Qabxii 43n Sadarkaa 11ffaa Irra Jira.
Guyyaa Keessaa Sa’aatii 9tti Magaalaan Bahaar Daar Magaalaa Hawaasaa Waliin Nitaphatu.Magaalaan Bahaar Daar Qabxii 51n Sadarkaa 3ffaa Irra Jira.
Taphoota Liigii 11 Darbaniin Kan Hin Mo’amne Magaalaan Hawaasaa Qabxii 47n Sadarkaa 4ffaa Qabateera.
Istaadiyeemiin Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Sagantaa Eebbaaf Waan Barbaadamuuf Taphoonni Torbee 35ffaa Hafan Wixataa fi Kibxata Istaadiyeemii Hundagaleessa Wanjiitti Akka Gaggeeffamu Waldaan Aksiyoonaa Liigichaa Torbee Darbe Ibsuunsaa Niyaadatama.