Juventuus fi SalZibarg Tapha Ramaddii Kan Jalqabaa Mo’ataniiru - ENA Afaan Oromoo
Juventuus fi SalZibarg Tapha Ramaddii Kan Jalqabaa Mo’ataniiru

Waxabajjii 12/2017(TOI)-Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaa Kaleessa Halkan Walakkaa Booda Taphoonni Lama Gaggeeffamaniiru.
Tapha Ramaddii Toorbaa Istaadiyeemii Odii Fiilditti Gaggeeffameen Juventuus Al Ayiniin 5 fi 0n Mo’ateera.
Qabxii Kanarratti Hundaa’ee Juventuus Ramaddii Toorba Dursaa Jira. Tapha Ramaddii Kanaan Kaleessa Gaggeeffameen Manchastar Siitiin 2 fi 0n Waayidaad Kaazaabilaankaa Mo’ateera.
Tapha Lammaffaa Ramadii Saddetiin Gaggeeffaameen Saalsibarg Pochukaan 2 fi 1n Mo’ateera.
Akkaataa Qabxii Kanaan Saalsibarg Ramaddii Saddet Qabxii Sadiin Dursuu Eegaleera.
Tapha Biraa Ramaddii Kanaan Gaggeeffameen Alhilaal fi Riyaal Maadriid Galchii Tokkoo fi Tokkoon Walqixa Bahaniiru.