Ispoortiin Itiyoophiyaa Boruu Kan Ittiin Uumnudha-Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Waxabajjii 10/2017(TOI)-Ispoortiin Itiyoophiyaa Boruu Kan Ittiin Uumnuu fi Dhaloota Ga’oome Kan Ittiin Horannudha Jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa.

Itti Aanaan Ministira Muummee Mata Duree “Ispoortiin Gootummaa Sabdanuu Itiyoophiyaaf” Jedhuun Taphoota Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa Naannoo Mootummaa Biyyaalessaa Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti Qophaa’e Jalqabsiifneerra Jedhan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Isaaniirratti.

Taphni Ispoortii Mata Duricha Sirriitti Kan Ibsitu Barootaaf Bakkee Sabdaneessummaa Kan Taate Biyya Abbaa Jifaar Jimmatti Eegalame Kun Dargaggoonni Keenya  Ispoortessitoonni Dandeettii barbachisaa, Hammattummaa, Haqa qabeessummaa, Hojii Garee fi Ittigaafatama Akka Gabbifatan Carraa Kan Uumudha Jedhaniiru.

Taphoonni Ispoortii Biyyaalessaa, Waltajjii Ummata Walitti Hidhuuf Dandeettii Qaban, Dargaggoonni Boru Biyya Sochoosan Biyyasaanii fi Aadaasaanii Ittiin Beekaniif Carraa Uumudha Jedhuun Ibsaniiru.

Ittifufuunis Ispoortiin Dirree Lammiilee Itiyoophiyaa Boruu Ittiin Uumnudha, Dhaloota Ga’oomee fi Dammaqe ttiin Uumnu jechuun Eeraniiru.

Kanaaf Ammoo Dirreewwan Ispoortii Xiqqaa Jiddugaleessaa fi Olaanaa Ijaaraa Jirra Jedhaniiru.

Kanaaf Fakkeenya Kan Ta’u Taphoonni Guutuu Itiyoophiyaa Har’a Jalqabsiifnee fi Sababoota Garagaraan Waggoota Sagaliif Addaan Cinee Ture Agarsiiftuu Guddaadha Jechuun Beeksisaniiru.

Naannolee fi Bulchiisonni Magaalaa, Dorgommicha Kan Qopheesse Ministeera Aadaa fi Ispoortii, Naannoo Oromiyaa fi Magaalaa JimmaaTapha Ispoortii Kanarratti Hirmaattaniif Galatan qaba Jedhaniiru. .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015