Sagantaan piriimerliigii torban 34ffaan hara’a goolabama

Waxabajjii 05/2017(TOI)-piriimerliigii Itiyoophiyaa  torban 34ffaan oolma guyyaa dhumaan   taphoonni lama Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti  gaggeeffama.

Haala sagantaa baheetiin Bunni Sidaamaa  Magaalaa Dirreedhawaa waliin guyyaa sa’aatii 9tti ni taphatu .

Bunni Sidaamaa qabxii 46n  sadarkaa 6ffaa irraatti argama.  Garichi  yoo injifate yeroo lama mo’atamuun booda  gara injifachuutti akka deebi’u isa taassisa.

Magaalaan Dirree Dawaa  qabxii 39n  sadarkaa13ffaa qabateera.

 Mo’achuun sadarkaa gadii keessaa ba’uuf sochii taassisuuf kan isa deeggaru qabxii murteessaa sadii argata. 

 Sagantaa torban 34ffaan Xumuraa Walayittaa Diichaa fi Magaalaa Baahir Daar gidduutti galgala sa’aatii 12tti gaggeeffama.

Walayittaa Diichaan qabxii 45n sadarkaa 8ffaa qabateera. 

Garichi yoo injifate liigichatti Injifannoo itti fufaa akka galmeessu isa dandeessisa. Taphoota Liigichaa Walitti Aanan Shan Kan Hinmo’anne Magaalaan Bahaar Daar  qabxii 48n sadarkaa 3ffaa irratti argama.

Garichi Injifannaan gara daandii mo’ichaatti deebi’a.

Sagantaawwan lamaan Buna Sidaamaa fi Walaayittaa Diichaan waxabajjii 1 bara 2017  Sababa tapha waancaa Itiyoophiyaa xumuraan gara har’aatti jijjiiramuu isaanii  Ragaan Waldaa Aksiyoona   Liigichaa mul’isa.

Bunni Sidaamaa fi Walaayittaa Diichaa Sababa Tapha Waancaa Itiyoophiyaa Xumuraa Waxabajii 1 bara 2017  Qabaniin Sagantaaleen Lamaan

Har’atti Jijjiiramuu Waldaan Aksiyoonii Liigichaa Odeeffannoo Baaseen Beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015