Itiyoophiyaan shaampiyoona Atileetiksii Dargaggoota guddattootaan meedaaliyaa 10 argachuun  xumurte

Adoolessa 14/2017(TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 3ffaan umurii waggaa18 fi 20 gadi Adoolessa 9 bara 2017tti  Naayjeeriyaa Abukaataatti gaggeeffamaa  ture  galagala xumurameera.

Itiyoophiyaan dorgommii cufinsaa guyyaa dhumaa gaggeeffameen Meedaaliyaa warqee lama  argatteetti.

Dorgommii xumuraa dubartootaa umurii waggaa 18 gadii Atileet Hiywoot Ambaaw meetirii kuma 5 injifachuun Itiyoophiyaan dorgommii Kanaan meedaliyaa warqee jalqabaa argatteetti.

 Dorgommii dubartootaa xumuraa umurii waggaa 18 gadii Atileet Eelsaabeex Amaaree  meetirii  800  1ffaa bahuun Injifatteetti.

Dorgommii xumuraa meetirii 800 dhiiraa waggaa 20 gadii Atileet Siisay Aallebbeen 3ffaaa bahuun Meedaaliyaa Naasii argateera. 

Haala kanaan Itiyoophiyaan Warqee lama, birrii sadii fi  naasii shan walumaagalatti Meedaaliyaa10 argachuun xumuruushee Federeeshiniin Atileetiksii  Itiyoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015