Shaampiyoonaa Awurooppaa Kan Ta’e PSGn Imala Waancaa Addunyaa Fiifaa Injifannoon Eegaleera - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonaa Awurooppaa Kan Ta’e PSGn Imala Waancaa Addunyaa Fiifaa Injifannoon Eegaleera

Waxabajjii 09/2015(TOI)-Tapha Jalqabaa Ramaddii 2 Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaatiin PSGn Atileetikoo Maadriidiin 4 fi 0n Mo’ateera.
Tapha Istaadiyeemii Rooz Boowulitti Gaggeeffameen PSGn Atileetikoo Maadiriidiin Galchii 4 fi 0n Mo’ateera.
Galchiin Taphataan sarara fuulduraa Atileetikoo Maadiriid daqiiqaa 59 irraatti Galche Viidiyoo abbaa Murtiin haqameera.
Abbaan seeraa ganna 40 lammii Roomaniyaa Isteevan Kovaach kilementii Atileetikoo Madriidin Leengeleet Daqiiqaa 77ffaa irraatti kaardii keelloo laman diimaa erga agarsiisee booda gaggeesseera.
Dabalataanis Kaardii keelloo ja’a agarsiisaniiru.
Torban lama dura shaampiyoonsii Awurooppaa kan injifate PSGn taphichaan kubbaa to’achuun fi Carraa goolii uumuun morkataasaa irraati olaantummaa argateera.
PSGn Ramaddii lama qabxii sadiin dursuu eegaleera.
Ramadiii 2n Botofogo fi siitil sawundersi sa’aatii 11:00 irratti Istaadiyeemii Lumen irraati taphatu.