Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiru
Jul 15, 2025 33
Adoolessa8 /2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Abinnt Zagayyee akka ibsanitti, Biqiltuuwwan Dhaabbatan keessaa dhibbantaa 35 biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka Avokaadoo, Muuzii,Paappayaa, Burtukaanaa fi kanneen biroo ta’uu ibsaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kana gaggeeffamuun Aanaale Godinichatti argaman 11 keessatti lafti hektaarri kuma 59 ol qophaa’eera jedhaniiru. Qonnaan Bulaan, Dargaggoonni fi kutaan hawaasa adda addaa sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Biqiltoonni sagantichaan Dhaabaman Sirna Ikkooloojii Naannawaa eeguu fi omishtummaa dabaluuf qofa osoo hin taane faayidaa Dinagdee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Godinichi biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta’iin bakkeewwan bosonaa dura turan daangessuun eeguu fi kunuunsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaa irratti kan hirmaatan Jiraattonni Godinichaa Aanaa Boosat, waggoottan darban biqiltuuuwwan dhaabuurra darbee kunuunsuu fi eeguun Itti Gaafatamummaa isaanii bahachaa turuu isaanii ibsaniiru. Akkasumas, Uwwisa Bosonaa Godina isaanii guddisuuf bakkeewwan biqiltuun dhaabbatan daangessuu dabalatee biqiltuuwwan dhaabbatan akka qabataniif eeguumsa taassisaa jiraachuu beeksisaniiru. Bara kana Ashaaraa isaanii kaa’uuf sagantaa dhaabbii biqiltu irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru
Hawaasni Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan Dhaabamn akka qabatan Xiyyeeffannoo Barbaachisu Kennuu Qaba
Jul 15, 2025 26
Adoolessa 08/2017 (TOI)-Hawaasni Ashaaraa Magariisaf hirmaanaa taassisuu cimsuun biqiltuuwwan dhaabaman akka qabatan kunuunsa barbaachisaa akka taassisan sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti, Hojii Gaggeessaa Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa ibsaniiru. Waajjirri Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen biroon mata duree ‘’dhaabuun bayyanachuu‘’ jedhuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa Paarkii Inxooxxootti gaggeessaniiru. Hoggantoonni Hojii Olaanoon Magaalichaa fi kutaan hawaasa adda addaa saganticha irratti hirmaataniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti hojii gaggeessa olaanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee injiinar Wandimmuu Seettaa, qabeenya uumamaa sirnaan eeguu dadhabuu keenyaan balaa umamaa adda addaaf saaxilamoo taanee turreerra jedhaniiru. Dhiibbaa Jijiiramni Qilleensaa fidu dandamachuuf mootummaan waggoottan torban darban sagantaa Ashaaraa Magariisaa haala itti fufinsa qabuun hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantichi lammmiilee kaayyoo tokkoof dammaqinaan hirmaachisuu dubbatanii, kanaanis milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu kaasaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Komishinariin qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa Yimar Kabbadaa gamasaaniin, ashaaraan magariisaa kaka’umsa guddaa dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte ittiin ijaarrudha jedhaniiru. Dhaabbii fi kunuunsa biqiltuuf hundi keenya hirmaannaa taassisnu cimsinee itti fufuu qabna jedhaniiru. Daarektarri olaanaan Ejensiin galmeessa sivilii fi ragaa bu’uura hawaasummaa Yooseef Nugusee, biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabbtan kunuunsuun firiif akka gahaniif hojjenna jedhaniiru. Hojii gaggeessaan komishinii Ibiddaa fi soda balaa damee ekkaa Niqoodimoos Buchee gama isaaniin, sababa balaa uumamaan miidhaa qaqqaban ittisuuf Ashaaraa Magariisaa Aadaa godhachuu akka qabnu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala Qilleensa Afrikaa lammaffaa irratti Muuxannoo Milkaa’oo Misooma Magariisaa nidhiheessiti-Ministeera Karooraa fi Misoomaa 
Jul 15, 2025 35
Adoolessa 08 /2017 (TOI)-Itiyoophiyaan yaa’ii haala Qilleensa Afrikaa lammaffaa qopheessuu irra darbee muuxannoo milkaa’oo hojii Misooma Magariisaa ishee akka dhiheessitu de’eetaan Ministira Karooraa fi Misoomaa Siyyum Mokonnin ibsan. Yaa’icha keessummeessuuf qophiin guddaan taassifamaa jiraachuu dubbatanaiiru. Itiyoophiyaan Gamtaa Afriikaa waliin ta’uun baatii Qaammee keessa yaa’ii haala Qilleensaa Afriikaa 2ffaa keessummeessitu ilaalchisuun dhaabbilee deeggartootaa Idil Addunyaa fi bakka bu’oota waldaalee sivilii Waliin waltajjiin marii gaggeeffameera. De’eetaan Ministira Karooraa fi Misoomaa Siyyum Mokonnin, Afriikaan jijiirama haala qilleensaaf gumaachi qabdu xiqqaa ta’us, miidhaa guddaa keessummeessuushee dubbataniiru. Hongeen, lolaan, Babal’achuu dhukkubaa, balaan ibiddaa fi rakkoowwan biroon sababa Haala Jiijiirama Qilleensaan Ardicha Saaxilamtuu taasisuusaa dubbataniiru. Rakkoo ittisuu fi dhiibbaa dandamachuuf Sadarkaa Afriikaatti tarkaanfiin adda addaa fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Dinagdee Magariisaa haala jijiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf Imaammata, Tarsiimoo fi bu’uura seeraa qopheessitee tarkaanfii qabatamaa fudhachaa akka jirtu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa kaka’umsa guddaa balaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti maqsuuf hojeeffamee bu’a qabeessa ta’edha jedhaniiru Dabalataanis Invastimentii Aannisaa Haaromfaa fi damee geejibaan hojii cimaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru. De’eetaan Ministiraa itti dabaluunis, Yaa’iin Jijiirama Qilleensaa Afriikaa lammaffaan dhiibbaa jijiirama Qilleensaa duubaatti deebisuuf daandiin mandhaaleen fudhatamaa jiran kan itti dagaagan ta’uu eeraniiru. Biyyoonni guddatan Balaa Jijiiramni Qilleensa fidu hanbisuuf deeggarsa Maallaqaa taassisuuf walii galanis waggoota kurnan darban keessatti hammi qarshii argamee xiqqaa ta’uu dubbataniiru. Kaayyoon yaa’ichaa tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran haala bal’aa fi fooyya’aa ta’een hojiirra oolchuuf ta’uu ibsaniiru. Waltajjicha irratti sadarkaa gaggeessitoota biyyaatti murteewwan adda addaa kan darban ta’uu kaasuun, keessummoonni kuma 25 yaa’icha irratti akka hirmaatan dubbataniiru. Itiyoophiyaan qooda hoggansaa cimsitee muuxannoo ishee kan qooddu ta’uu ibsiteetti. Yaa’ichi balaa dhufaa jiru duubatti deebisuuf biyyoonni kutannoo isaanii yerootti mirkaneessan ta’uu kaasuun, Itiyoohiyaan yaa’ii kanaaf qophii bal’aa taassisaa jiraachuu dubbataniiru.
Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu qaba
Jul 9, 2025 216
Adoolessa 02/2017(TOI)-Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu akka qabu ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Ministeerri pilaanii fi misoomaa qophii yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa waliin ta’uun Qaam’ee 3 amma 5/2017tti jiddu gala konveenshinii Addis Intarnaashinaalitti keessummeessitu ilaalchisuun komishinii dinagdee Afriikaatti mari’achaa jira. Dhaabbileen idil addunyaa garagaraa fi bakka bu’oonni qaamolee deeggartootaa waltajjii marichaarratti hirmaachaa jiru. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa wayita kana akka jedhanitti, tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasiftuuf deeggarsi idil adunyaa cimuu qaba. Gumaachi Afriikaan faalama jijjiirama haala qilleensaaf taasiftu xiqqaa ta’us dhiibbaa uumamaa jiruun garuu giddaa miidhaman ta’uushee dubbataniiru. Sababa Miidhaawwan ongee, lolaa fi jijjiirama haala qilleensaa biroon gahaniin Afriikaan akka malee miidhamaa akka jirtu ibsaniiru. Afriikaa dhiibbaa kana qolachuuf tattaaffii gootuuf dhaabbileen idil addunyaa faayinaansii, teeknooloojii fi kanneen biroon deeggaruu qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan teessoo gamtaa Afriikaa waan taateef hojii jijjiirama haala qilleensaa qlachuuf hojjechaa jirtu biyyoota biroof muuxannoo qooduun deeggarsa taasisaa jirti.
Tattaaffi Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasiftuuf BRICS beekamtii kenneera-Dr. Fitsum Asaffaa
Jul 9, 2025 165
Adoolessa 02/2017(TOI)-Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan tattaaffii Itiyoophiyaan dinagdee magariisa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf beekamtii kennuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Itiyoophiyaan yaa’ii Koop 30 Biraazilitti gaggeeffamurratti ajandaawwanshee ittisa jijjiirama haala qilleensaa ibsachuuf qophii gochaa akka jirtu eeraniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan Biraazil Riiyoo Dejenerootti taa’ameera. Jilli Itiyoophiyaa ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’icharratti hirmaateera. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa hirmaannaa jilli kun yaa’icharratti taasise ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Yaa’ichi wayitii addunyaan jijjirama haala qilleensaaf amma barbaadamu deebii kennaa hinjirretti ejjennoon cimaa fi ifaa dhimmicharratti qabate Itiyoophiyaaf, riijinii fi Afriikaaf gaarii akka ta’e ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni jjjiirama haala qilleensaaf saaxilaman misooma cinaatti dinagdee magariisa hinmiidhamne ijaaruu akka qaban ibsuusaa himaniiru. Hawaasni addunyaa biyyoota jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif deeggarsa faayinaansii akka godhan waamichi taasifamuu dubbataniiru. Ajandaalee yaa’ichi irratti mari’ate keessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf tarkaanfii biyyoonni fudhachaa jiran keessatti argama. Ministirittin ibsa kennaniin, hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa fi bosona deebisuun misoomuuf sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu, hojiileen inarjii fi qonnaaf beekamtii kennuusaa ibsaniiru. Hawaasni addunyaa hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf hojjettuuf faayinaansiin akka deeggaru gaafatamuusaa kaasaniiru. Beekamtiin Itiyoophiyaan tattaaffii dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf BRICS irraa argatte hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 30ffaan(Koop 30) Baatii Sadaasaa 2018 Biraaziil magaalaa Beelemitti taa’ama. Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun yaada Riiyoo Dejenerootti ibsite Koop 30 irratti ajandaa gochuun akka dhihaattu Dr. Fitsum Asaffaa eeraniiru. Paaviliyooniin hojiilee ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu agarsiisaaf akka dhihaatu kaasaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jira-Waajjira qonnaa godinichaa
Jul 6, 2025 188
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaa godina Boorana Bahaatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jiraachuu Waajjira qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti dursaan garee qabeenya uumamaa Aliyyee Arabaa sababa haala qilleensaa godinichaatiin biqiltuu dhaabuun kan eegalame walakkeessa Bitootessaarraa eegalee ta’uu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabamaa kan jiru lafa heektaara kuma 5 sababa uumamaa fi namtolcheen manca’erra ta’uu dubbataniiru. Biqiltuun dhaabamu lafti manca’e akka lalisu gochuurra darbee ongeef akka hinsaaxilamne fulla’insaan damdamachuu hubannaa keessa galchuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Biqiltuu barana dhaabamaa jiran keessaa biqiltuu bosonaa, muka gaaddisaa, nyaata loonii akkasumas biqiltuuwwan muduraa keessaa Maangoo, Muuzii fi Zayituunaa akka ta’an himaniiru. Biqiltuun dhaabamu jiraattota godinichaa fi tola ooltota hirmaachisuun yoo ta’u, karoorri qabame amma milkaa’utti xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu himaniiru. Godinichatti bona baranaa sulula 99 keessatti lafa heektaara kuma 63 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii hojjetamuu yaadachiisaniiru. Kaayyoon misooma sululaa ongee fi naannoon akka hin mancaane ittisuurra darbee misooma fulla’aadhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan kennameef ta’uu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa sulula dabalatee biqiltuun uwwisuuf karoorfamee kan hojjetamedha jedhan.
Naannichatti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun ittifufa-Obbo Ordiin Badirii
Jul 5, 2025 184
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Naannoo Haraariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantichii fi Qondaaltonni Olaanoon Nannnichaa Biqiltuuwwan Naannoo Jogol dhaabbatan kunuunsaniiru. Saganticha irratti Pirezidaanti Ordiin Badirii, Sagantaan Ashaaraan Magariisaa Hoggansa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame Naannichatti Hojiirra Ooluun Waggoottan darban Biqiltoonni Faayidaa hedduu qaban dhaabbachuu isaanii beeksisaniiru. Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabaman Naannicha Magariisa gochuurra darbee miidhagaa fi hawataa akkasumas jiraattotaa fi tuuristootaaf mijataa gochuusaa dubbataniiru. Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman hordofuu fi kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu ibsaniiru. Kanaanis Naannoo Qulqulluu fi fayya qabeessa misoomsuu ta’uu eeraniiru. Pirezidaantichi Hawaasnis ta’e dhaabbileen, Biqiltuuwwan Dhaaban kunuunsuu fi bishaan obaasuun gahee keenya bahachuu guddisuu qabna jedhaniiru. Guyyoota Itti Aanaan Mata duree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu‘’Jedhuun Naannichatti Aanaalee Magaalaa fi Baadiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban dhaabuu fi kan dhaabaman kunuunsuun akka raawwatamu ibsaniiru. Keessumattuu poolisoota, Dargaggooaa fi Miseensota Hawaasaa biroo saganticha irratti hirmaatanii fi biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabbatan kunuunsan galateeffataniiru. Hara’a ganama sa’aatii 12 eegalee sagantaa biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti Itti Aanaantuu Pirezidaantii Naannichaa Roozaa Umar, Miseensota Kabinee Naannichaa, Qaamolee Nageenyaa,hojjetota dhaabbiilee Mootummaa fi Qooda Fudhattoonni biroon hirmaataniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu dhaabuurratti cimnee nihirmaanna-Jiraattota godina Iluu Abbaa Boor
Jul 2, 2025 222
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu barana dhaabuurratti cimanii akka hirmaatan Jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan. Sagantaan jalqabsiisa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu bara 2017 godinichatti aanaa Alleetti gaggeeffameera. Jiraataan godinichaa saganticharratti hirmaatan obbo Sisaayi Wandimmuu, sagantaalee biqiltuu waggaa waggaan dhaabuuf qophaa’anirratti hirmaachaa turuu ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun lafti miidhame akka bayyanatu kan godhuu fi oomishtummaa kan dabalu waan ta’eef akkuma waggoottan darbanii baranas biqiltuu dhaabuurratti akka hirmaatan dubbataniiru. Obbo Huseena Kabbadaa biqiltuuwwan dhuunfaa fi waloon dhaabaman irratti gumaacha isaanii taasisaa akka jiran eeraniiru. Hojiilee misooma magariisaa waggoottan darban raawwatamaniin naannoon isaanii jjjiiramaa dhufuu, oomishtummaan fooyya’aa waan jiruuf baranas hirmaannaasaanii akka cimsan ibsaniiru. Bulchaan aanaa Allee Yohaannis Kabbadaa gamasaaniin sagantaa ashaaraa magariisaan aanichatti muduraawwan Avokaadoo, Muuzii dabalatee biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun dhaloota boruu hubannoo keessa galchuun waan ta’eef sagantaa ashaaraa magariisaa gannaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban akka dhaabaman kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Boor Indaalkaachoo Tafariidha.   Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuun biqiltuuwwan lafa miidhaman bayyanachiisanii fi faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon nitaasifama jedhaniiru. Saganticharratti kan argaman komishinariin komishinii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shaafii Huseen, biqiltuu dhaabuun madaallii uumamaa eeguu fi naannawa oomisha kennu uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojii waggoottan darban hojjetamaniin naannawoonni hedduu miidhaman bayyanatanii magariisatti jijjiiramaniiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin hawaasni biqiltuuwwan naannawa jijjiiruu fi faayidaa dinagdee mirkaneessuu danda’an dhaabee akka kunuunsu ergaa dabarsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiireera-kantiibaa magaalaa Adaamaa
Jul 1, 2025 126
Waxabajjii 24/2017 (TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiiruusaa kantiibaa magaalaa Adaamaa ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabsiisu har’a gaggeeffameera. Saganticha kan jalqabsiisan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, qabeenya uumamaa xiqqaachaa deemu ittisuuf ashaaraan magariisaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Biqiltuuwwan waggoota darban magaalaa Adaamaatti ashaaraa magariisaan dhaabaman bifa magaalatti jijjiiruurra darbee madda galii ta’uun faayidaa buusaa jiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis sululoota 14 irratti bakka km120 misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Kana malees dhaabbilee barnootaa fi fayyaatti akkasumas lafa waloo fi bakka misoomni kooriidaraa itti adeemsifamuu fi bakkeewwan birootti biqiltuun akka dhaabamu dubbataniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu gamasaaniin, biqiltuuwwan muduraa fi bosonaaf oolan magalattii keessa akka dhaabaman dubbataniiru. Sagantaa kanarratti biqiltuu osoo dhaabanii kan dubbifne abbaa Gadaa Magraa Laggasaa TOI’f yaada kennaniin, ashaaraan magariisaa gammoojjummaa qolachuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Adaamaa Girmaa Toleeraa gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa bayyanachiisuurra darbee miidhagina magaalattiif ashaaraa kaa’eera jedhan. Haala walfakkaatuun kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar guyyaa har’aa sagantaa shaaraa magariisaa baranaa magaalichatti eegalchiisaniiru. Waamicha ministira muummee fudhachuun barana waggaa jahaffaaf biqiltuun dhaabamuu eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ganna kanaaf biqiltuuwwan muduraa fi mukaa buufata biqiltuu 12tti qophaa’uu dubbataniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan keessaa obbo Najiib Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaa wagga waggaan gaggeeffamurratti hirmaachuusaanii dubbatanii, dhaabuu qofa osoo hintaane kunuunsuun akka barbaachisu himaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa dargaggoota naannoo Oromiyaaf madda carraa hojii guddaa ta’eera
Jul 1, 2025 75
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa dargaggoota naannoo Oromiyaaf madda carraa hojii guddaa ta’uusaa sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa beeksisan. Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wancii gaara Tulluu Sonqolleerratti gaggeeffameera. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa sagantaa kanarratti argamuun, erga sagantaan kun eegalameeasitti faayidaaleen hedduun argamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanneen keessaa dargaggoonni carraa hojii akka argatan taasisuun isa tokko ta’uu dubbataniiru. Dargaggoonni naannichaa waldaan gurmaa’uun biqiltuu qopheessuurraa eegalee carraa hojii fayyadamaniiru jedhan. Naannichatti bakkeewwan biqiltuun itti qophaa’u kuma 38 keessaa irra caalaatti dargaggoonni carraa hojii argachuusaanii ibsaniiru. Bakka ashaaraa magariisaatiin misoometti misooma kumuraa fi muduraa, kanniisa horsiisuu fi nyaata loonii misoomsuun fayyadamoo ta’uu dubbataniiru. Akkasumas lafti qullaatti hafe ashaaraa magariisaatiin bayyanatee oomisha kennuu eegaleera, madden gogan cimmisaniiru, haroowwan baduuf qarreerra turan deebi’aniiru jedhaniiru. Itti aanaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Eliyaas kadir gamasaaniin sagantichi bu’aalee hedduu buusuusaa himaniiru. Uwwisni bosonaa sagantichaan ture harka 17 ture gara 29tti guddachuu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Dhaabuuf Qophiin Taassifameera- Biiroo Qonna Naannichaa
Jun 30, 2025 85
Waxabajjii 23/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Dhaabuuf Qophiin Taassifamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa Beeksise. Naannichatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaan mata duree “dhaabuun bayyanachuu’’ jedhuun boru akka eegalu ibsameera. Hoggganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa dhaabbii biqiltuu baranaa ilaachisuun Miidiyaaf ibsa kennaniiru. Ibsa Isaaniin Waggottan Jahan Darban lafa Hekaara Miiliyoona 6 tuqaa 8 ol irratti Biqiltuuwwan Faayidaa adda addaa qaban dhaabamuu ibsuun, kanneen dhaabaman keessaa dhibbentaa 88 qabateera jedhaniiru. Hojiin Misooma Magariisaa filmaanni bishaanii akka babal’atan, lageenii fi haroowwan qabeenyi uumamaa manca’uun gogan deebi’anii akka bayyanatan gochuusaa dubbataniiru. Dabalataan dhiqama biyyee hir’isuun omishaa fi Omishtummaan Qonnaan bulaa guddisuun wabiin nyaataa akka mirkanaa’u taassiseera. Misoomicha cimsanii ittifufsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa Bara Kanaan hojii eegumsa biyyee fi bishaanii Baatii Bonaa lafa duwwaa irratti raawwatameeratti biqiltuuwwan akka dhaabaman ibsaniiru. Kanaafis naannichatti buufata biqiltuu itti baay’ifaman kuma 38 keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’uusaanii hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan kana dhaabuuf lafti Hekaarri Miiliyoona 1 tuqaa 1 qophaa’uu ibsuun, Biqiltuwwan dhaabbiif qophaa’an keessaa dhibbenta 40 bosonaaf, kan oolan ta’uu dubbataniiru. Dabalataanis dhibentaa 30 kan ta’an faayidaa hedduu kan qaban, dhibbentaa 19 nyaata horii, fi dhibbenta10 soorataaf kan oolan yoo ta’an, kanneen hafan miidhaginaaf kan olan ta’uu beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu milkeessuuf uummanni akkuma armaan duraa baay’inaan akka hirmaatuu Obbo Geetuun waamicha dhiheessaniiru.
Imalli bayyanannaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u Sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisasa jira-Ministiroota
Jun 30, 2025 70
Waxabajjii 23/2017(TOI)-Imalli bayyanannaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u Sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisasa jiraachuu Ministiroonni ibsan. Ministirri muumme Dr. Abiyyi Ahimad, Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Shetiimaa, Hooggantoonni federaalaa fi naannolee bakka argamanitti sagantaan misooma qarqara lagaa Finfinnee biqiltuu dhaabuu gaggeeffamuun niyaadatama. Ministiroonni saganticharratti hirmaatan akka ibsanitti, dina gdeen akkka bayyanatu galmoota qabaman milkeessuuf sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisaa jira. Sagantaan ashaaraa magariisaa kennaa dhaloota boruuf gumaachame ta’uu eeranii, bu’aan qabatamaan sagantaa kanarraa argamaa akka jiru kaasaniiru. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa akka ibsanitti, waggoottan jahan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin bbiqiltuuwwan miiliyoona 40 caalan dhaabamaniiru. Dinagdeen saffisaan akka guddatu sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru wabeeffataniiru. Biqiltuuwwan bunaa hedduun sagantaa Kanaan dhaabamuu ibsanii, sababa Kanaan galiin alergii Itiyoophiyaan Bunarraa argattu dabalaa akka dhufu taasisuu dubbataniiru. Avokaadoo dabalatee muduraa garagaraa alatti erguun galiin argamaa jiraachuu eeranii, sagantaa maaddii guutuu galmasaa akka gahu sagantaan ashaaraa magariisaa qooda guddaa qaba jedhaniiru. Carraaqqii biyyaalessaa dinagdeen Ityoophiyaa akka bayyanatu taasifamu keessatti sagantaan ashaaraa magariisaa qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis gamasaaniin, ashaaraan magariisaa kennaa dhalootaaf gumaachamudha jedhaniiru. Bu’aan ashaaraa magariisaa argamaa jiraachuu eeranii, dinagdeen akka cimee ittifufu deeggaruun alatti, jireenyaaf naannawaaf mijatu uumaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri bishaanii fi inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittaffaa akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa bishaan lafa jalaa fi lafarraa akka dabalu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Maddeen akka gabbatan taasisaa jiraachuus ibsanii, haroon Haramayaa gogee ture deebi’ee guutuunsaa bu’aa ashaaraa magariisaa ta’uu himaniiru. Biyoon akka hindhiqamnee fi hidhoonni biyyoon akka hinguutamne qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru. Sagantaa shaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabaman ibsameera.
Finfinnee mijattuu fi qulqulluu gochuuf hojiin hojjetamu cimanii ittifufu
Jun 29, 2025 137
Waxabajjii 22/2017(TOI) Finfinnee jiraattotaaf mijattuu fi qulqulluu gochuuf hojiin jalqabaman cimanii akka ittifufan kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa 7ffaan sadarkaa magaalaa Finfinneetti mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamaa jira Kantiibaa Adaanech Abeebee, af-yaa’iin mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alqaadir, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame Finfinnee Mogos Baalchaa, abbootiin amantaa, ogeeyyonni aartii, hawaasni Ispoortii, hooggantoonni paartilee dorgomtootaa fi kanneen biroo saganticharratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech wayita kana akka jedhanitti hirmaannaa Itiyoophiyaanota hundaan waggoottan darban biqiltuun biiliyoona 40 dhaabamaniiru jedhan. Waggoottan jahan darban sadarkaa magaalaa Finfinneetti biqiltuun miiliyoona 85 dhaabamuu eeranii, uwwisni bosona magaalattii 2 tuqaa 8 irraa harka 22tti qaqqabuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biqiltuu dhaabuun gargaaramuu seenaa gochuun hojjechaa jirti kan jedhan kantiibaa Adaanech baranas lafti biqiltuun irra dhaabamu heektaarri 916 qophaa’uusaa ibsuun biqiltuu dhaabuun dinagdee jijjiirama qilleensaan hinmiidhamne akka ijaaramu eeraniiru. Hojiiwwan Finfinnee jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu gochuuf jalqabaman cimanii akka ittifufan dubbataniiru. Hojii ashaaraa magariisaa waggoottan darban hojjetamaniin laggeen bishaan qabachuu eegalaniiru kan jedhan kantiibaa Adaanech eegumsa biyyoo fi bishaaniinis bu’aan argamuu eeraniiru. Hoogganaan biiroo miidhaginaa fi misooma magariisaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Girmaa Seegfuu gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa dhaloonni har’aa dhaloota boruuf dirqama akka qabu agarsiiftuudha jedhaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa imala guddummaa Itiyoophiyaa kan kaa’u adeemsi ijaarsa biyyaa jalqabame akka ittifufu bu’ura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru. Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa bakka miminstirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamuun nibeekama. Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuun biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabamu ni’eegama.
Sagantaan ashaaraa magariisaa ashaaraa dhalootaa lammiin hundi abbummaan irratti    hirmaatudha-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
Jun 28, 2025 165
Waxabajjii 21/2017(TOI)-Sagantaan ashaaraa magariisaa ashaaraa dhalootaa kan lammiin hundi abbummaan irratti hirmaatudha jedhan Af-yaa’iin manam maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo. Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Shetiimaan akkasumas miseensonni hawaasa dippilomaatikii biroon fi hooggantoonni mootummaa olaanoon bakka argamanitti kaleessa adeemsifamaniiru. Guyyaa har’aas bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Shetiimaan bulchitoonni naannolee kantiibonni Bulchiinsa magaalaa lameenii akkasumas ministiroonni argamanitti misooma qargara lagaa Finfinneetti sagantaan biqiltuu dhaabuu gaggeeffameera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo Saganticharratti akka ibsanitti, sagantaan Ashaaraa magariisaa misooa dinagdee biyyaalessaan kan walitti hidhatedha. Jijjiiramni qilleensaa oomishtummaarratti dhiibbaa guddaa akka uumu eeranii, haala Kanaan sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa jijjiiruun gamatti dinagdeen Itiyoophiyaa akka bayyanatu qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa erga jalqabamee asitti bu’aan Itiyoophiyaan oomishtummaa bunaarratti galmeessifte agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan Ashaaraa magariisaa hojii dhalootaa lammiin hundi biyya jijjiiruuf abbummaan irratti hirmaatu ta’uu dubbataniiru. Haala Kanaan hundi hirmaannaa cimaa akka taasisu Af-yaa’ii Taaddasaan dhaamaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun adeemsifamuun sadarkaa biyyaalesaatti biqiltuun biiliyoona 7 tuqaa 5 nidhaabamu.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015