Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itti Aanaa Pirezidaantii Naayjeeriyaa waliin biqiltuu dhaaban - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itti Aanaa Pirezidaantii Naayjeeriyaa waliin biqiltuu dhaaban

Waxabajjii21/2017(TOI)- Ministirri Muummee Dr,Abiyyi Ahimad Itti Aanaa Pirezidaantii Naayjeeriyaa Kashim Sheetimaa waliin ta’uun pirojektii Qargara Laga Gullaleetti biqiltuu dhaabaniiru.
Saganta dhaabbii Biqiltuurratti hoggantoonni Olaanoon Federaalaa fi Naannoo argamuusaanii Odeeffaannoon Marsariitii Waajjira Ministira irraa argame ni Mul’isa.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa baranaa mataduree ‘’biqiltuu dhaabuun bayyanachuu‘’ jedhuun gaggeeffama.